Waldaan Guutuu Wangeela Magaalaa Naqamtee Loltoota Wayyaanee TPLFn Goolamaa Jirti,Tajaajiltooti Waldichaas Hidhamanii Jiru.

Fulbaana 24,2016/ Warraakasa biyyoolessaa baatii 11 Oliif akka abidda saafaatti finiinaa tureen kan rifate mootummaan garboonffataau murna bicuu Wayyaanee aangoo isaatti fayyadamuun ilmaan oromoo sabboontota ta’aniifi tajaajiltoota wangeelaan maaliif uummataaf kadhattu jechuun magaalaa Naqamtee keessaa jumlaan mana adabaatti guuraa jira.
Haaluma kanaan  mootummaan  abbaa irree(TPLF) yakka isaa  ajeechaa fi doorsisni inni ummaata biyyaatirraan gahaa ture itti xinnaannaan amma immoo abbooti amaantii sabaaf kadhataan akkasumas uummata isaaniif kan  quqqamaan yakka tokko malee mana  adabaatti guuraa jira.
Hanga ammaattis tajaajiltoonni waldaa guutuu wangeelaa kan  magaalaa Naqamtee keessa jiran keessaa namoonni heedduun hidhamaa jiru.
Teessoon waldaa guutuu wangeelichaa kan inni keessatti argamus 07 keessa yemmuu ta’u namni tajaajiltoota wangeelaa kanarratti yakka duguuggaa sanyummaa raawwachaa jirus nama maqaansaa Fiqaaduu Takilee jedhamuudha.
Yakkamaan kun Waldaa guutuu wangeelaa keessaa nama tajaajilamuuf deeme fakkaachuun tajaajiltoota kanaan Yaa waaqayyo mootummaa kana nurraa buqqisi jechuun kadhattan jedhee mana hidhaatti guursisaa akka jirus baramee jira.
Bifuma walfakkaatuunis yakkamaan Fiqaaduu Takilee jedhamu kun tajaajiltoota kanaan maqaa meeshaa waraanaa guutummaa magaalaa naqamtee keessatti dhukaafamaa jiru isintu maallaqa walitti qabee bitaa jira maqaa jedhuun tajaajiltoota kana mana hidhaatti guursisaa jira.
Kanumaan wal qabatees tajaajiltoonni maqaan isaanii kanaa gaditti eerame mana hidhaatti kanneen gidduuma kana qabamanii jiran keessaa:

  1. Zerihuun Imiru hojiin isaa tajaajilaa guutuu wangeelaa magaalaa Naqamtee.
  2. Kennsaa Alemuu hojiinsaa tajaajilaa guutuu wangeelaa.
  3. Fayyisaa Tashomee hojiin isaa tajaajilaa guutuu wangeelaa.
  4. Kennasaa Darajee Hojiinsaa tajaajilaa guutuu wangeelaa

1 thought on “Waldaan Guutuu Wangeela Magaalaa Naqamtee Loltoota Wayyaanee TPLFn Goolamaa Jirti,Tajaajiltooti Waldichaas Hidhamanii Jiru.

  1. Pingback: Oromia: #OromoProtests: Gabaasa Fincila Xumura Garbummaa (FXG) Oromiyaa 2016 (September) | OromianEconomist

Leave a comment