Dirre Dawaa Magaalaa fi Kulaalee Baadiyaa Keessatti FXG Itti Fufe, Ayyaanni Caamsaa Wayyanee Diddaa Ummataan Bakka Bakkattti Fashalaa Jira‏

Dirree2Dirre Dawaa keessatti FXG magaalaa fi kutaa baadiyaalettis guyyaa har’aa Caamsaa 28/2016 ayyaana Wayyaanee fesheleessuun wal qabatee itti fufee oole.

Dargaggoon Oromoo tokko osoo manatti hin hafinillee Qeeyroon FXG finiinsaa ooluun ishee Qeeyroon Dirre Dawaa gabaase. Akkuma odeessi Qeeyron nu gahe ibsutti walgayiin wayyaanee magaala Dirre Dawaatti gaggeeffamuuf ture dhaadanno fi qabsoo Qeeyroon magaalichan kan hafe yoo tahu namootni miseensotni walgayi ayyaanicha irratti argamuuf yaalan addatti miseensotni wayyaanee FXG sodaatanii gara manaatti kan deebi’anii fi Qeeyroonis kaayyoo wayyaaneen qabdu guyyaa ayyaana kanaatti uummata yaada isaanii hatuuf karoorsite fesheleessuun injifannoo galmeessanii akka jiran Qeeyroon gabaaseee jira.Dirree
Lola har’a Harargee lixaatti taasifameen FXG daran jabaachuu irraan lubbuun namoota hedduus kan badee fi namootni heduunis miidhamuun kan gabafame kan hin adda hin basin gabaasa itti aanuun gabaafamu taha. FXG goleewwan oromiyaa mara gahee itti fufeetu jira. Ayyaana ginbot 20 jedhu uummanni oromoo bakki itti argame tokkollee kan hin jirre godina wallaggaa keessaa gabaafamee jira. Addatti godina Wallagga lixaa aanaa Haaruu irraa Qeerroon gabaasuun dhaadannoo“ QABEENYAAN HAMMA LUKKUU, BILISUMMAAN HAMMA LUBBUU” jedhuun murannoo fi kutannoo isaanii Qeeyroon aanicha diina beeksisuun ayyaana caamsaa 28 uummanni akka hin argamne taasisuun FXG akka itti fufu tahee ooluu Qeeyroon gabaasetu jira.

dirree4Walumaa galatti Finfinnee irraa kan hafe kunuu saboota amaaraa fi tigree kanneen miseensa isaanii tahan irraa kan hafe ayyaana Ginbpt 20 jedhamu irratti argamaniin ala Oromiyaatti godinaalee hedduutti uummanni lagachuudhan feshelatee hafeera.

1 thought on “Dirre Dawaa Magaalaa fi Kulaalee Baadiyaa Keessatti FXG Itti Fufe, Ayyaanni Caamsaa Wayyanee Diddaa Ummataan Bakka Bakkattti Fashalaa Jira‏

  1. Pingback: Oromia: #OromoProtests: Gabaasa Fincila Xumura Garbummaa (FXG) Oromiyaa 2016 (May) | OromianEconomist

Leave a Reply

Fill in your details below or click an icon to log in:

WordPress.com Logo

You are commenting using your WordPress.com account. Log Out /  Change )

Twitter picture

You are commenting using your Twitter account. Log Out /  Change )

Facebook photo

You are commenting using your Facebook account. Log Out /  Change )

Connecting to %s