Guraandhala 25/Godina Wallaggaa Horroo Guduruu Warraaqsii biyyooleessa Oromiyaa Jabaachuun Aanaa Abbaay Coommaan Suluula Fincaa’aa keessatti haalaan jabaatee itti fufe olee jira.‏

Guraandhala 25/Godina Horroo Guduruu wallaaggaatti Warraaqsii biyyooleessa Oromiyaa Jabaachuun Aanaa abbaay Coommaan Suluula Fincaa’aa keessatti haalaan jabaatee itti fufe olee jira. Goototni barattootni Oromoo Suluula Finca’aa sadarkaa 2ffaa fi qopha’inaa warraaqsaa finiinsuun mootummaan wayyaanee yakka duguuggaa sanyii uummata Oromoo irratti rawwachaa waan jiruuf seeraatti dhiyaatee itti gaafatamuu qaba malee nu hin bulchu jechuun dhaadannoo isaanii dhageesisuun waraana wayyaanee Agaazii waliin wal dura dhaabbatan.
Waraanni wayyaanee kunis tarkaanfii diinummaa ilmaan Oromoo barattootaa fi barsiisota irratti fudhachuun barsiisotni fi barattootni hedduun waraana Agaaziin reebam,anii haalan midhamuun madden keenya gabaasan. Barsiisota keessa kanneen Agaaziin rukutamanii hedduu midhamani dararaa guddaan irra ga’aa jiruu keessa:
1.Barsiisaa Addunyaa Feexaa barsiisaa keemistrii kutaa 11ffaa kan barsiisuun haala yaaddeessaa keessa kan jiruufi yeroo amma referaliidhaan hospitaala Finfinnee Phawulos galee jiraachuun ibsamera.
2.Barsiisaa Jireenyaa Olii
3. Barsiisaa Darajjee Duuressaa barsiisaa kutaa 12ffaa barsiisuu
4.Barsiisaa Dirribaa Ababaa fi
Barattootni waraana agaaziin rukutamanii maddeeffamuun dararaa guddaan irra ga’aa jiru keessa:
1.Barataa Ettafaa Araarsaa barataa kutaa 10ffaa
2. Barattuu Lalistuu Boggaalee
3. Barataa Geetuu Dabalaa
4. Barataa Taarikuu Gonfaa kanneen keessatti argaman barattootni hedduun reebamuun haalaan midhamanii yaalaa gahaa illee dhabuun  dararamaa jiraachuun ibsame jira. Warraaqsii Uummataa fi dargaggoota Oromoo maraan itti fufe Sululaa finca’aa naannoo warshaa Sukkaaraa
Finca’atti haalaan jabaatee jira.

Leave a Reply

Fill in your details below or click an icon to log in:

WordPress.com Logo

You are commenting using your WordPress.com account. Log Out /  Change )

Facebook photo

You are commenting using your Facebook account. Log Out /  Change )

Connecting to %s