Uummati Magaalaa Naqamtee hiriira FXG guyyaa ayyaanaa cuuphaatti itti fufanii!‏

Naqamte

Naqamte Amajjii 20,2016

Har’a Amajjii 20,2016 Magaalaa Naqamtee naannoo kuusaa bunaa durii bor bakka naafxaa NOC jedhamutti gobii sirbuudhaan, Qeerroon magaalaa Naqamtee hanga abbaan biyyummaa keenya mirkanaa’utti FXGn keenya duuba hin deebi’u jechuun guyyaa har’aa kana fincila geggeessaa jiru

Naqamte Amajjii 20, 2016

Hoo Baala baddeessaa Wayyaanee  Nurraa geggeessaa, Hoo korma guduruu Oromoon biyya hin gurguruu jechaa dhaadhannoo dhaanootummaa Wayyaanee abaaraa oolan Loltooti humna garboomfataa tigiraayis humna isaa ilmaan shanan Leeqaa irratti bobbaaseen boombii aara imimmaan nama buusisu irratti facaase.

Haata’u malee,hiriirtonni durumaan bishaan qabatanii ba’uun Ijoollee irratti facaasuun baraaranii ammas yeroo lammataaf hiriirri wayita itti fufu,humni agaazii itti roobsamuun addaan bittinneessuun isaa beekameera Jiraattonni magaalaa Naqamtee yeroo amma kana humni waraanaa mana galmaa isaanii keessaa humna waraanaatiin qabamanii akka gara mana hidhaatti guuramaa jiranis beekameera

1 thought on “Uummati Magaalaa Naqamtee hiriira FXG guyyaa ayyaanaa cuuphaatti itti fufanii!‏

  1. Pingback: Oromia: #OromoProtests: Gabaasa Fincila Xumura Garbummaa (FXG) Oromiyaa 2016 | OromianEconomist

Leave a Reply

Fill in your details below or click an icon to log in:

WordPress.com Logo

You are commenting using your WordPress.com account. Log Out /  Change )

Facebook photo

You are commenting using your Facebook account. Log Out /  Change )

Connecting to %s