Gochi suukkanneessaan shamarran Oromoo sadii godina wallagga lixaa magaala Najjoo keessatti mana nama dhuunfatti waraana Wayyaaneen irratti fudhatamaa jira‏

Hidhaa fi gochi safuu cabsee fi suukkanneessaa saroota wayyaaneetiin uummata oromoo irratti gahaa jiru daran jabaatee itti fufe jedhu
Qeerroon godina wallagga lixaa aanaa Najjoo irraa ibsu.
Har’a Amajii 18/2016 addeessutti hidhaan barattootaa fi ummata irra gahaa jiru kan magaalaa Najjoo akkuma itti fufetti tahee gocha
suukkannessaa sharammaran magaala Najjoo irraa qabaman kanneen maqaan isaanii armaan gaditti tarreeffaman waraana wayyaaneen erga qabamanii mana nama dhuunfaatti geeffamanii kaasee gocha gudeeddaa irratti raawwatanii hanga ammaatti poolisiin wayyaanee gocha kana irratti raawwataa akka jiru qeerroon gabaasee jira. isaan kunis
1. Ayyaantuu Malaakuu
2. Guddee Gammachuu fi
3. Ayyaantuu Camaduu kan jedhaman sadan kun harkaa waraana Wayyaanee keessatti miidhamaa akka jirantu gabaafame. Mana nama dhuunfaa keessatti waraana wayyaaneen dhokfamanii haala gaddisiisaa kan dubbachuun nama saalfachiisu irratti raawwataa kan
jiran yoo tahu isaan keessaa Ayyantuu Camadu qaamni ishee hir’uu tahee cabdee akka jirtu gabaasni dhufe ibsa.
Kannen maqaan isaanii nun gahin dhabamanis eessa jiraatuu isaanii kan hin beekamne shamarran hedduu akka tahes Qeeyroon gabaasee jira.

1 thought on “Gochi suukkanneessaan shamarran Oromoo sadii godina wallagga lixaa magaala Najjoo keessatti mana nama dhuunfatti waraana Wayyaaneen irratti fudhatamaa jira‏

  1. Pingback: Oromia: #OromoProtests: Gabaasa Fincila Xumura Garbummaa (FXG) Oromiyaa 2016 | OromianEconomist

Leave a comment