Amajii 17,2016
Yeroo ammaa kanatti kaampaasiin yuuniversitii damee Awwaarooo harka diinaatin gubataa akka jiru Qeerroon gabaasaa jira.
Mootummaan shororkaawan mootummaan Wayyanee yeroo amama kanatti badiisa irra waan gaheef dhaabbilee barnootaa fi dhaabbata tajaajila uummataa ibiddaan gubaa akka jiru kan ragaadhaan bira gahamaa hubatamaa dhufedha. Har’a Amajii 17/2016 Amboo, dameen Yuuniversitii Awwaaroo doormiin dhiiraa fi kaaffeen nyaata barattootaa ibiddi humna waraana Wayyaaneen itti qabatee gubataa akka jiru amma sa’a 1 dura Qeerroon gabaasee jira.
FXG shawaa lixaa aanaalee garagaraatti ittisa gandaa fi poolisoota Oromiyaatin kan deggerameen fincila uummataatti makachuun gabaasni nu
gahe addeessa.