Amajiii 14,2016 Najjoo
Gaaasa Qeerroo Wallagga lixaa magaala Najjoo irraa Har’a barattootni mana barumsaa qophaayinaa magaala Najjoo, mana barumsaa Abdiisaa Aagaatti FXG ka’een humni waraana Wayyaanee dhukaasa banuun uummata bakka jiruu dammaqsuunis gara fincila barattootaatti hirmaachisee oole.
Akka gabaasni kun addeessutti har’a sa’a booda magaalaan Najjoo dirree lolaa taatee oolte. Uumataa fi humna waraana agaazii gidduutti lolli gaggeffamaa oole. Magaalaa Najjoo fi hangaa Goriitti uummanni daandii cufuudhaan dhaadannoo sagalee guddaadhaan dhageesisaa oole. Mootummaan wayyaaneen ammaa kaasee nun bitin jechuun dhaadachaa oolan.Qaama mootummaa wayyaanee magaala Najjoo keessaa
baasuun waajjiralee fi manneen jireenya diinaa fi ergamtuu irratti uummanni tarkaanfii adeemsisee jira. FXg har’a magaala Najjootti
gaggeeffameen barattootni hedduunis miidhamanii jiru, Dhibbaan barattootni lakkawaman ukkaamfamanii jiru. Barataa fi uummanni qonnaan
bulaan baadii keessaa fottoqee FXG kanatti hirmaachuun diina afaan qabsiisanii jiru. Haala qaawwaa argameen humni waraana Wayyanee
barattoota ukkaamsuun beekame, Injifannoon keenya jechunis uummanni ABO fi WBO faarsaa akka oole gabaasni Qeerroo irraa nu gahee jiru ibsa
Pingback: Oromia: #OromoProtests: Gabaasa Fincila Xumura Garbummaa (FXG) Oromiyaa 2016 | OromianEconomist