Abbaan Qabsoo fi Lafa keenya Saamamee Nuuf Deebisiisuuf ABOn Dhufaa Jira Jechuun Jiraattotni Arsii Lixaa aanaa Kofalee Ganda Goofan Giraa Gaaffii Kaasaa Jiru‏

Amajjii 14, 2016
Uummanni oromoo yeroo ammaa ifatti bahee Wayyaaneen nun bitin abbaan biyyaa lafa jira jechuun sagalee isaa dhageesisaa jira. Diinni uummata Oromoo, TPLFn kana gurra isaan dhaga’aa jira. FDG/FXG baatii lama dura eegale abbaan qabsichaa fi adda durummaadhaan qajeelcha kenun qabsoo kana karaa qabsiisee jiru dhaaba keenya ABO tahuu daa’imaa hanga maanguddootti waan beekamaa tahee jiruudha. Oromiyaa naannolee magaalota hedduutti
– Daandiin cufamee dhaadannoon dhageessifamaa jiru kan wal fakkaataa ABO/WBO faarsu yoommuu tahu sagalee tokkoon uummanni mootumma
Wayyaanee hin feenu, wayyaaneen nun bitin, OPDOn sobduu fi hattuudha uummata oromof hin dhaabbane jechuun itti fufee jira
– Akka gabaasni Arsii Lixaa irraa nu gahaa jirutti kaleessa uummanni ganda kanaa walitti dhfuudhaan lafti keenya diinaaf kenname nuu
deebi’uu qaba jechuun ergamaa Wayyaanee kan sabaan Amaara tahe maasii qonnaa isaa keessa uummanni seenuudhaan ABOn dhufee lafa keenya nuuf deebisiuuf jira nuti qabsoo keenya hin dhaabnu itti fufna jechuun guyyaa guutuu sagalee isaa dhageesisaa oole kun kaleessa Amajii
13/2016 yoommuu tahu har’as haaluma kanaan Arsii lixaa onoota garagaraa keessatti FXG sagaleema kanaan itti fufee akka jiru Qeerroon
gabaasee jira. Barattootni jumlaadhaan mana hidhaatti guurama akka jiran manneen barnootaa adda addaa irraa kan gabaasni dhiyaataa jiru yoomuu tahu FXG uummataan ammas haala wal irraa hin cinneen jabeeffamee kan itti fufee jiru tahuu Qeerroon gabaasaa jira.

1 thought on “Abbaan Qabsoo fi Lafa keenya Saamamee Nuuf Deebisiisuuf ABOn Dhufaa Jira Jechuun Jiraattotni Arsii Lixaa aanaa Kofalee Ganda Goofan Giraa Gaaffii Kaasaa Jiru‏

  1. Pingback: Oromia: #OromoProtests: Gabaasa Fincila Xumura Garbummaa (FXG) Oromiyaa 2016 | OromianEconomist

Leave a comment