Amajjii 12,2016 , FXG guutummaa Oromiyaatti wal gahee jira. Har’a akkuma beekamu yuuniversilee garagaraa keessatti haala diina sodaachisuu fi abdii kutachiisaadhaan itti oole.
1. Yuuniversitii Haromayyaa dabalatee uummata naannootiin FXG Harargee fi naannoosheetti ka’ee jiru haalaan diina rommi’isiisee jira. Naannoo yuuniversitii Haromayyaatti qonnaan bulaan, jiraattotni adda addaa miiidhaa gurguddaadhaan saaxilaman humni wayyaanee jiraattoota naanichaa irratti miidhaa gaggeessee jira. Akkasuma barattootni mooraa yuunniversitii Haromayyaa hedduun balaa guddaan isaan irra gahee jira. Lubbuun kan darban hanga ammaa hin beekamne jedhu jiraattotni naannichaa akkasuma Qeerroon yoo gabaasu barattootni hedduun dhabamaniiru jedha. FXG naannichatti gaggeeffamaa jiru sodaa tokko malee itti fufee akka jiru gabaasaa jira.
2. Itti fufee amma galgala kana yuuniversitii Amboo keessatti barataan tokko wareegamuu Qeerroon gabaasee jira. FXG mooraa yuuniversitii Ambotti har’a galgala kana dhowee jira. Humnoonni waraana wayyaanee magaalicha keessa buufatee jiru gara laafina tokkko malee barattoota harka qullaa irratti dhukaasa banee jira. Halkan kana magaalli Amboo weerara waraana jala jiraattus uummata fi waraana wayyaane gidduutti lolli gaggeeeffamaa jira. mooraa yuuniversitii Amboo keessa iyya guddaatu dhaga’a kana irratti dhukaasni dhuka’aa jira meeshaalee gurguddaadhaan naannichi dhuunfatamaa jirti kan jedhan Qeerroon magaala Amboo irraa gabaase.
Naannowaa Finfinnee Buraayyuutti har’a galgala kana dhukaasni darebee darbee naannoo Laga Gafarsaatii dhaga’amaa jira.
Wayyaaneen amma gara itti baatu dhabdeetti. FXG xumura wayyaanee taasisuuf oromiyaa guututti walgahee jira.
Godinaalee maratti FXG kan itti fufee jiru yoommuu tahu waraanni wayyaane gara itti goree fi ergamu dhabamee jira.
Pingback: Oromia: #OromoProtests: Gabaasa Fincila Xumura Garbummaa (FXG) Oromiyaa 2016 | OromianEconomist