Godina Wallagga Qellem, Aanaa Anfilloo ganda Garjeedaa jedhamutti Muddee 21/2015 FDG uummataan dhoween uummanni poolisootaa fi kaabinoota wayyaanee irratti tarkaanfii fudhateen ganda Garjeedaa keessaa arga ari’een booda hidhamtoota tokko osoo hin hambifnee mana
hidhaa keessaa yaasee jira.
Akka gabaasni Qeerrroo nugahe ibsutti uummanni sirna wayyaanee of keessaa baasuu qabna jechun tokkummaadhaan barattoota waliin
poolisoota wayyaanee irratti tarkaanfii fudhate. Poolisoonnis sodaa uummataan dhukaasa banuun lubbuu isaaniin uummata jalaa baqatanii
bahan, uummanni hidhamtoota mana hidhaa keessa jiran erga yaaseen booda bulchiinsa mataa ofiin of bulchaa jira. Yeroo ammaa Garjeedi
bakki gabaa kamisaa fi sanbataa jedhamee waamamu toohannoo uummataa jalatti argamti. Manni hidhaa banamee hafe. Alaabaan biyya Itoophiyaa bakka bu’u gadi bu’ee jira. Yeroo kana fakkaattii fi ergamtuun Wayyaanee magaala Garjeedaa keessatti hin argamtu.
Pingback: Oduu Injifatnoo:- Qellem, Anfilloo Gandi Garjeedaa Toohannoo Uummataa Jala Jirti. Poolisoonni Wayyaanee Reebamanii Gandicha Gadhiisan, Hidhamtootni Mana Hidhaatii Uummataan Gadhiifaman! – GibeTube.com
mee maalummarra jirtu?