Muddee 02,2015 Dambii Dolloo
Mormiin Maaster Pilaanii kallatti hundattuuu bal’atee yoommuu itti jabeeffameedha. Godina Qellem wallaggaa manneen barnootaa sadarkaa garagaraatti Muddee 2/2015 sa’a booda mana barumsaa cufuudhaan hiriira mormii bahuun dhaga’ame. Mana barumsa Oliiqaa Dingil, Mana qophaayinaa Qellem, Mana barumsaa Maskaramii fi koolleejjiiwwan barsiisotaa garagaraa walitti dhufuudhaan mormii master pilaanii ifatti mul’isanii jiru. Uummanni bahee FDG barattoota waliin finiinsee jira. humni waraana wayyaanee godina dhiyaa irratti ramadame gara sanatti bobbaafamaa jira.
Itti fufuudhaan aanaa Jimmaa Horroo keessatti dargaggootni oromoo ukkaamfamaa jiru. Qindeessitoota FDG jedhamuun waraana wayyaaneen qabamanii bakka buuteen isaanii dhabame godina Qellem wallaagaa aanaa Jimmaa Horroo irraa
1. Oliiqaa Israa’el
2. Nagaasaa Hiisaa
3. Dirribaa Jabeessaa
4. Sanbataa Oljiraa
Daraggoota oromoo sabboontota qabamanii gara akka bu’an hin beekamin yoo jiraatanillee
Sirbootni
– Loli hin lollaa ABO tu lola beela
– Loli hin lollaa Injifannoon gallaa
– Loli hin lollaa WBO tu lola beeka
Jechuudhaan sirbootaa fi dhaadannoo dhageessifamaa jira. dargaggootni kunneen yeroo ammaa eessatti akka hidhaman wallaalamullee FDG uummataan itti fufee kan jiru godina Qellem Wallaggaa aanaalee garagaraa keessatti itti fufee jiraachuu Qeerroon gabaasaa jira.
Pingback: Oromia: #OromoProtests: Gabaasa FDG Oromiyaa | OromianEconomist