Muddee 1,2015 Gabaasa Qeerroo Gimbii
Mootummaan wayyaanee humna dafee qaqqabaa fi kora bittinneessaa kan Oromiyaa hidhannoo hiikkachiise.
Wayyaaneen hidhattoota kora bittinneessaa fi humna dafee qaqqabaa Oromiyaa magaalaa Gimbiitti ed hidhannoo isaanii irraa hiikkachiisuun Qeerroon gabaasee jira. FDG aanaa Ayiraa, wanjoo fi Gimbiitti kaleessaa dhoween waraanni wayyaanee biyyatti hin hafne magalaa Gimbii dhufee buufate jedha Qeerroon. Battala kanatti uummata hedduutu qabame reebame hidhaatti guurame. Sababa kanatti poolisoota Oromiyaa fi kora bittinneessaa oromiya irraa ergamee gara sana jiru irraa hidhannoo hiikkachiisuun Qeerroon gabaasee jira. Yeroo ammaa kanatti magaalli Gimbii buufata waraana wayyaanee taatee argamti. Uummanni mirga keenyaaf falmachuu hin dhaabnu jechuudhaan itti fufee jira.
Baalee Roobetti FDG eegalee jira. Halkan edaa Qeerroon waraqaa bittimsuun
– Barataan kamuu ka’ee mirga isaa akka falmtu waamicha taasie
– Mormiin master pilaanii yoomiyyuu akka hin dhaabbanne waamichi bakka uummanni argutti maxxanfamee bule
– Sirbootni qabsoo Qeerroodhaan dhageessifamaa bulan haaluma kanaan guyyaa har’as kan itti fufee jiru tahuu Qeerroon yeroo ammaa gabaasaa
jira. Waraanni wayyaanee magaala Roobee buufatee jira.Itti Fufa FDG! Oromiyaan ni bilisoomti
Pingback: Oromia: #OromoProtests: Gabaasa FDG Oromiyaa | OromianEconomist