Hariiroo Jorgoo Irraa
Hooteelota biyya kana keessatti qaalominaan beekan keessaa Shaaraatenitti aanee Ilillii International fi Intercontinental Hootel kan jedhamanidha. Hooteloonni kunneen bakkee bashannanaa aangawoota wayyaanee yeroo ta’an nyaataafi dhugaatiin akkasumas gatiin siree isaanii gurraaan dhageetiif illee kan tolan miti.Garmalee ol’aanoodha. Biyya namoonni kuma dhibba shanii ol daandiirra ciisu keessatti, biyya jaarsaafi jaartiin waan dhandhamee bulu dhabee kadhaatti bobba’ee jiru keessatti, biyya uummannishee godinootaafii naannoolee garagaraa keessatti beelaan akka baalaa harca’aa jiru keessatti bakkeewwan akkasitti bashannanuun yakka bira darabee cubbuu guddaadhaleeti!
Yeroo har’aa Oromiyaa keessaa Harargeefi Boorana, Dhiha Baaleefi Arsii keessatti, uummanni hedduun beelaan lubbuun isaanii darbaa jira. Akkasumallee loon hongeen galaafataa jiraachuun kan dirmatuufii dhabamee balaa uumamaa gurguddaa kan akka rooba dhabaatiin rukutamaa jira.
Miidiyaaleen mootummaa wayyaaneefi kan dhuunfaa kan habashootaa lafarraa dhumuu Oromoo waan gammadaniif sagalee saba kanaa gabaasaa illee hinjiran. Miidiyaaleen wayyaanee silaayis quufa Oromoo, badhaadhummaa Oromoo qabsookootiin argame jechuun kijiba afarsu waan saaxiluuf oduun beelaa akka dhagahamu hin haayyamu.
Affaar keessattis kanuma Oromiyaa fakkaatutu gaggeeffamaa jira. Looniifi namoonni beelaan guyyaarraa guyyaatti harca’aa jira. Seenaa biyyattiin ittiin beekamtu beelli walloo irra gahaa ture, kunoo ammas uummmataafii beeyladaa Oromiyaafi Affaar keessatti hammaatee argama. Hongeen dhabama roobaan dhalate ilma namaafi loon lafarraa haxaayaa jira.Waraabessi bineensa gaaraa yeroo haadhakeefi abbaakee qorxomsee nyaatu yoo agarte