Dhiha Oromiyaa Manni Hidhaa Dambi Doolloo Kora Bittinneessa Waraana Wayyaaneen Marfamee Eegamaa Jira.‏

Gabaasa Qeerroo Qellem, Dambi Doolloo irraa Adoolessa 31,2015
Because I am OromoManni hidhaa magaala Dambi Doolloo Karchalleen waraana Wayyaanee Kora Bittinneessaa jedhamuun tikfamtee eegamaa jiraachuu Qeerroon gabaase.
Torbee darban keessa hidhamtootni mana hidhaa Karchalle magaala Dambi Doollootti hidhaman lakkofsaan guddaa tahuu irraan kan ka’e galmi hidhaa sun wal hankaakuu irraan hidhamtoota yakka malee keessatti filannoo kijibaa wayyaanee barana gaggeeffameen asitti hidhaman dacha hidhamtoota mana hidhaa keessa duran jiran caaluu irraan guute waan tahef gara mana hidhaa Zuwaay jedhamuttu dabarsuuf mootummaan ajaja baaseen hidhamtootnii fi uummanni naannoo hidhamtoota ilmaan Oromoo yakka malee hidhaman nuu gadhiisa bakka deeman hin qaban isa jedhuun diddaa gaggeessan, jiraattoni uummanni magaala Dambi Doolloo hidhaman namni tokkollee asii akka hin baane jechuunis akeekkachiisa qaama mootummaa duratti bahee gaggeesseen diddaan jabaachuu irraanis Wayyaaneen dhukaasa uummata kanneen hidhamanii fi uummata irratti banuun kan du’anii fi madoo tahan gabaafame.

Haaluma kanaan FDG magaala Dambi Doolloo keessatti dhimma kanaaf ka’uu malaa fi hidhamtootnis bakak hidhamanitti dhaadannoo dhageesisuu irraan Wayyaaneen humna waraana naannoo mana hidhaa qubachiisuu Qeerroon gabaasee jira.

Akkasuma waraqaaleen garagaraa magaalotaa fi naannnoo manneen hidhaa kanatti maxxafaman doorsisa diinaaf hin jilbeenfannu hiree keenyaan bulla, mirgi uummata bal’aa haa eegamu, waraanni nun doorsisin kan jedhu bakka garagaraatti barreeffamuun maxxanfamuun mufii fi soda Wayyaaneetti uumeen dirqama waraana ramaduutti geesse. Gabaasa Qeerroo itti aanutti deebina.

Leave a Reply

Fill in your details below or click an icon to log in:

WordPress.com Logo

You are commenting using your WordPress.com account. Log Out /  Change )

Facebook photo

You are commenting using your Facebook account. Log Out /  Change )

Connecting to %s