Qellem Gaa’oo Qeebbee; Caamsaa 31,2015
Filannoo Wayyaanee torbee har’aa jechuun Caamsaa 24,2015 gaggeeffameen wal qabatee uummanni oromoo fi barattootni Oromoo bakka garagaraatti FDG finiinsaa itti fufuun yeroodhaa yerootti gabaasni isaa darbaa jira. ammallee haaluma wal irraa hin cinneen oromiyaa keessatti kan itti fufeedha.
Godina Qellem aanaa Gaa’oo Qeebbee, ganda Qonnaan Bulaa Leeqaa Kobbachaa jedhamu keessatti torban kana qonnaan bulaan shiraa fi filannoo kijibaa mootummaa wayyaanee wal qabsiisuun diddaa kaasee jiraachuu Qeerroon gabaasee jira. Erga filannoon filannoo kijibaa tahe, erga mootummaan wayyaanee uummaata sobee, erga sagaleen uummataa mootummaadhaan hatamee, jechuun Caamsaa 25,2015 irraa akasee aanaa ganda garagaraa keessatti diddaan qabate guyyuudhaan jabaatee kan dhufee fi Wayyaaneen humna bittimneessaa gara sanatti erguudhaan qonnaan bulaa nama 30 ol mana hidhaatti darbee reebichaan hiraarsaa jiraachuu Qeerroon gabaasa. Qotatee bulaa nama 30 keessaa waajjira poolisii magaala Arroojjii jedhamtutti kan hidhamanii jiran maqaan muraasni nu qaqqabe keessaa Qonnaan Bulaa:
- Toomaasa Uwwisaa
- Gasullaa Tasfaayee
- Nagaasaa Kibbii,
- Milkii Kibbii,
- Lammaa oljirraa,
- Simoon Uwwisaa,
- Fedhesaa Baqqalaa
- Toofik Abdallaa
Kanneen jedhaman torbee kana guyyaa guyyaatti qonnaan bulaa FDG finiinsaa jiru waraana agaazii gara sanatti erguudhaan qabsiisee
tumsiisaa jira, namootni kun waajjira poolisii kanatti guyyoota qabaman irraa kaasee hedduu reebichi irraa gahaa jiraachuu fi uummanni
qonnaan bulaan aanaa kana keessa jiraatu FDG itti fufee akka jiru Qeerroon gabaasa.