Gabaasa Qeerroo Qeerroo Magaala Amboo
Bitootessa 3/2015 Lixa Shaggar irratti barattootni guyyaa har’aa jechuun Bitootessa 3/2015 barattoota waggaa darbee wareegamaniif yaadannoo taasisuuf manni barumsaa akka cufamuu fi barataan kamiyyuu mana barumsaa akka hin deemne kaleessa irraa kaasuun ergaa waliif dabarsuudhaan waamicha taasisanii jiru, haaluma kanaan guyyaa har’aa barattootni mana barumsaa Calliyaa,Geedoo,Miidaqany, Amboo,Gudar, Tokkee Kuttaayee fi kkf guutummaan guututti manni barumsaa cufaatti oolee jira,
Kana malees waraqaalee warraaqsaa hedduunis halkan edaa kan bittimfame waraqaalee balaliituun magaalaa Amboo fi naannoo Yuuniversitiitti bittimfamee kan bule tika mootummaa Wayyaaneen naasuu guddaa keessa seenuudhan, ganamaan ka’anii
funaanuun dhagayamaa jira. kanumaan wal qabsiisuun barattootni naannoo jiranitti walitti dhufuudhaanis yaadannoo barattoota waggaa darbe wareegamaniif taasisaniin hucuu gaddaa uffachuudhaan, gumaan obboloota ilmaan Oromoo wareegaman keessattuu dhimma naannowaa Finfinneef mootummaa Wayyaaneen galaafatamaniif wareegamni isaanii bilisummaan deebi’uu qaba jechuudhaan dhaadannoo fi ergaa waliif dabarsaa akka jiran Qeerroon gabaasa.
Pingback: Gadaa.com | FinfinneTribune QEERROO: Barattoota Sabboontota Oromoo Wareegamaniif Yaadannoo Taasisuuf Manneen Barnootaa Godina Lixa Shaggar Heddumminaan Har’a Cufaatti Oole |
Pingback: The Oromians Protest Ethiopia’s Tyrannic Rules, Its Land Grabs And The New Master Plan Of Ethnic Cleansing Against The Indigenous Oromo People In The Name of Development Expansion Of Finfinnee (Addis Ababa) | OromianEconomist