BREAKING NEWS:- Uummatni Magaala Finfinnee Jiraatu Carraa Argateen Filannoo Dharaa Fashalsuudhaaf Duula Wayyaanee Irratti Bahe!‏

Amajjii 25,2015 Gabaasa Qeerroo Finfinnee
9804_586148321520127_6529646606074484948_nGuyyaa har’aa jechuun Amajjii 25 Bara 2015 Waamicha Paartii mormaa Andinnet Uummata Magaala Finfinneedhaaf waamicha hiriira nagaa dabarsee booda Uummatni muraasni hiriira irratti wayita argamu; Mootummaan Wayyaanee garuu dhaadannoowwan dhageessifamaa jiran seera qabeessa miti jechuudhaan waraana hedduumminaan itti bobbaase. Wayita kanatti Uummatni magaala kana jiraatu waraana Mootummaa Wayyaanee Uummata hiriira nagaa bahetti duule dura dhaabbachuudhaan Fincila diddaa garbummaa gaggeessaa oolanii jiran. Uummatni rakkoo jireenyaa fi gidiraa mootummaan wayyaanee uummata irratti buusee jiru hadheeffachuun filannoon dharaas daran waanjoo garbummaa kana kan dabalu malee nageenya waaraa kan hin fidne tahuu ifaan dubbatanii jiran. Uummatni mana mana isaadhaa waraana wayyaaneetti bahuudhaan filannoo dharaan lammaffaa hin gowwoomnu jechuudhaan duula fincilaa godhee jira. Mootummaan wayyaanees haala kanaan kan baarage rakkoo uummata hidhaa fi reebuu hammeessus Uummatnis tarkaanfii walfakkaataa waraana wayyaanee irratti fudhachuudhaan Poolisootni hedduun madeeffamanii jiran. Paartiileen Mormitootaas filannoo dharaa fi abbaa irrummaan guutame kana keessaa akka of baasuu qaban Uummatni diddaa gaggeesse keessatti ifa godhee jira.
Addatti Uummatni Oromoo magaala Finfinnee keessa jiraatu hiriira irratti kan argaman osoo hin taane waraana Wayyaanee Uummata nagaa hiriirsuuf gadi bahe dura dhaabbachuun isaa Paartii Mormaa Andinnet haala olaanaadhaan ajaa’ibsiisee jira. Haala amma eegalame kanaan jabeeffamuudhaanis Mootummaan Wayyaanee hundeedhaan buqqa’uu akka qabuu fi Uummatnis daran diddaa isaa jabeessee akka itti fufu Jaarmayaan Qeerroo Bilisummaa waamicha isaa gadi jabeessee dabarsa.

 

3 thoughts on “BREAKING NEWS:- Uummatni Magaala Finfinnee Jiraatu Carraa Argateen Filannoo Dharaa Fashalsuudhaaf Duula Wayyaanee Irratti Bahe!‏

  1. Filannoo Sossobaa

    Haa gahuu nagaan koo,hunda Oromootaa,
    Jaallaan qabsoof dhuman gootowwan goototaa,
    Booranaa fi Baarentuu,ilmaan qabsaa’otaa,
    Garaan hin dagannee,yoomuu ni yaadataa,
    Rabbii har’aan nu gahetti galata galfataa,
    Galanni haa gahuu,rabbii hundaa horataa,
    Namoota hagamtuu,Aaammiiiinn jedha laata?

    Ajaa’iba rabbii,gochoota Itoophiyaa,
    Seerri cabe jedhee,osoo addunyaan iyyaa,
    Dimookiraasii jettee,haasofti halkan guyyaa,
    Waraanaa fi wareeraan jeeqaa mirga biyyaa,
    Nagaan alatti,Dimookiraasiin dhugaa akkamitti tayaa???

    Namni Oromummaa qabdu,ilmi Oromiyaa,
    Irraa of qusadhaa,gochoota Itoophiyaa,
    Harka keessaa fudhaa,gochaan keessaa bayaa,
    Tokkummaa jabeessaa,irratti haasayaa,
    Gaafas,gaafiin Kenya,galma isaa gayaa
    Filannoon sossobaa,sun jarumaaf tayaa,
    Diina biyyaa baasuuf,hundinuu qabsaayaa,
    Qawwee itti bitadhaa,diina mataa dhayaa!!!

    Biyyarraa baqachuun deebii maalii tayaa,
    Lammii koo,Oromoo,bakkayyuu wal tayaa,
    Dammaqaa dammaqsaa,warri bahaa fi dhiyaa,
    Falmaa Itoophiyummaa,fuulduratti bayaa,
    Ilmaan Oromootiif,BILISUMMAAn fayyaa,
    Kanaaf,sanyii Seemii nurraa kaasuu wayyaa,
    Diina mataa dhahuuf,hundinuu qophaayaa,
    Deebiin kana hundaa,qawween mirkanaayaa,
    Gaaf san,BILISUMMAAn keenyas nutti mi’aayaa!!!

    Qareessaa fi qareettiin ilmaan Oromootii,
    Biyyarraa baqannee,biyya alagaatittii,
    Rakkoo dhaan dhaanamaa,jiraachuun maal buuftii,
    Mee maalitti,dhiifne,harmee haadha mootii,
    Kan falmaa ishii dhuman leenconni abbootii,
    Nuti hoo maaf dagannee,nurraa ooltii duutii,
    Moo filannoo sanaan Wayyaaneen nuuf naatii,
    Jettanii,teettan moo,yaa foon dhiiga kootii,
    Ka’aa yaa lammii koo,gowwaa hin eeginaatii!!!

    Qabsoo itti fufaan,Bilisummaan dhuftii,
    Qabsaayuu qabaanna,hanga dhumaatittii,
    Yoo duunee dhumnellee,seenaan nu yaadattii,
    Hanga hundi dhumee,nam-tokko hafutti,
    Jabaadhaa socho’aa qabsoon itti fuftii,
    Lolu qabna dhiiroo,lama hin jirtu duutii!!!

    Amajjii 25,2015,

    Barri 2015,bara Bilisummaa Oromoo fi Walabummaa Oromiyaa nuuf haa ta’uu!!!
    Yaa Rabbi nu walaboomsi,nu birmadoomsi!!!

  2. Pingback: Gadaa.com | FinfinneTribune Uummatni Magaala Finfinnee Jiraatu Carraa Argateen Filannoo Dharaa Fashalsuudhaaf Duula Wayyaanee Irratti Bahe!‏ |

  3. Pingback: The Oromians Protest Ethiopia’s Tyrannic Rules, Its Land Grabs And The New Master Plan Of Ethnic Cleansing Against The Indigenous Oromo People In The Name of Development Expansion Of Finfinnee (Addis Ababa) | OromianEconomist

Leave a comment