Godina Lixa Shawaa Aanaaa Midaqenyii Keessatti Uumanni Oromoo Walgahii Dabballoota Wayyaanee Lagachuu Irraan Yakkaman.

OromiaALutaContinua2011FDGGabaasaa: Adooleessa 17, 2014 Godina Lixa Shawaa Aanaa Midaa Qanyii keessattitti FDG uummataan jabaachuu irraan uummanni walga’ii dabballoota Wayyaanee balaaleffachuun lagate.

Aanaa Midaqenyi keessatti walgahiilee dabballoonni Wayyaanee yaaman akka uumanni irratti hin argatne taasisuun diddaa mootummaa irratti kakaaftaniittu sababaa jedhuun Oromoota sabboonoo ta’anii aanaa kana keessatti argaman mana hidhaa buusan.

Haala kanaan nama hidhaa poolisa aanaa Midaaqenyii keessatti guyyaa gaafa Adoolessa 15,2014 irraa kaasee hidhamanii kanneen jiran keessaa:-

1. Barsiisaa Addunyaa Maammoo
2.Obboo Sisaayi Lammeessaa
3.Jifaree Masfiin kasseeta eebbisaa sirbisiifte jechuun qabaman,
3.Obboo Takkalaa kannee jedhaman kan keessatti argaman badii tokko malee hidhamanii jiraachuu Qeerroon gabaasa.

Kana malees mootummaan abbaa irree Wayyaanee Aanaa Midaaqanyii ganda Goodaa Galaanitti dabbaloota basaasa isaa bobbaasuun uummata samsiisa jira. haala kanaan dabballootni Wayyaaneef ergamuun qabeenya uumataa gaaffii tokko malee saamuu fi malaamaltummaan uumata rakkisaa kanneen jiran keessaa:-

1 Darajjee Nagarii
2.Tasfaayee Shuumaa kanneen jedhaman yeroo amma kana mootummaa
Wayyaanee amanamaa ta’uunn uummata saamaa jiru.Akkasitti hanga ammaa Oromoonni qabeenya irraa samamanii jiran keessaa:

1.Obbo Qixxumaa abdiisaa
2. Obboo Hirphasaa Bargaaga kanneen qabeenyaan isaanii duraa saamame yoo ta’an uummaanni yeroo amma kanatti mootummaan Wayyaanee waggaa 23 guutuu qorqee nu nyaachaa ture kanaan booda nurraa dhaabbachuu qaba jechuun sirnicha balaaleffachuu itti fufanii jiru

1 thought on “Godina Lixa Shawaa Aanaaa Midaqenyii Keessatti Uumanni Oromoo Walgahii Dabballoota Wayyaanee Lagachuu Irraan Yakkaman.

  1. Pingback: Gadaa.com | FinfinneTribune Godina Lixa Shawaa Aanaaa Midaqenyii Keessatti Uumanni Oromoo Walgahii Dabballoota Wayyaanee Lagachuu Irraan Yakkaman |

Leave a Reply

Fill in your details below or click an icon to log in:

WordPress.com Logo

You are commenting using your WordPress.com account. Log Out /  Change )

Facebook photo

You are commenting using your Facebook account. Log Out /  Change )

Connecting to %s