Waxabajjii 25,2014 Finfinnee
Wayyaaneen EPRDF Leenjii addaa jechuun Barattoota Oromoo irratti hojjechuuf karoorfatee kan ka’e Diddaa barattootaan fashalaa jira. Diddaa barattootaa fi Uummataa isa mudate dura dhaabbachuuf dhaabbiilee barnootaa garaa garaa keessatti barattoota waamuun wal gahii walitti qabuuf yaaltus gaaffiin abbaa biyyummaa jabaachuun kaabinootaa fi jala deemtota Wayyaanee muddama keessa galchee jira. Dhaabbiileewwan barnootaa
1. Koollejjii Leenjii Barsiisotaa Shaambuu
2. Koollejjii Leenjii Barsiisotaa Asallaa
3. Yuunivarsiitii Bulee Horaa
4. Yuunivarsiitii Madda Walaabuu
5. Yuunivarsiitii Wallaggaa
6. Koollejjii Barsiitotaa Jimmaa
7. Koollejjii Barsiitotaa Mattuu fi D/doolloo
Keessatti olola dharaa oofuuf wayyaaneen barattoota walitti qabde irratti gaaffiiwwan hedduun burquun mootummaa wayyaanee dhiphina keessa seensisee jira. Gaaffiiwwan mirgaa
1. ABO Osoo uummata Oromoof dhaabbatuu maaliif shororkeessaa jettan?
2. Warreen hidhaman haa hiikaman
3. Misooma odeeffamu keessaa Oromiyaan hammam fayyadamte?
4. Barataa Oromoo ajjeefamaniif itti gaafatamaan eenyu?
5. Wayyaaneen abbaa irree dha.
Kanneen jedhan burquun wal gahiin mootummaa wayyaanee olola dharaa oofuuf qopheesse harkatti fashalee jira.
Haaluma wal fakkaatuun Duulli Uummata tasgabbeessinaa Obbo Muktaar Kadiriin durfamu mormii hiiira nagaa Magaala Naqqamtee fi Gimbii keessatti qopheeffamuuf saganteeffame fashaluun walgahiii Uummataatti jijjiiramee jira. Uummatni wal gahii Wayyaaneen waamte irratti bahes hojjettoota keessumaa ammo kanneen jala deemtota tahan yoommuu tahu doorsisaa fi hojii irraa arii’amtuu maqaa jedhuun tahuun hubatamee jira.