Jiraatoti Godina Wallaggaa Lixaa Magaalaa Beegii “Hidhamtootni haa hiikaman”Jedhchuun FDG Itti Fufan!‏

Waxabajjii 25,2014 Gabaasa Qeerroo Magaalaa Beegii

DiddaaGodina wallaggaa lixaa magaala Beegii keessatti Uummatni Oromoo FDG iitti fufe. Mootummaan wayyaanee ilmaan Oromoo gaaffii abbaa biyyummaa gaafatan funaanuun mana hidhaa mootummaa wayyaaneetti kan Ukkaamse nuuf haa gadhiisu jechuun Uummatni Sagalee diddaa dhageessisuu irratti argama. Mootummaan wayyaanee yeroo mara nama gaaffii abbaa biyyummaa gaafatu ajjeechaa ykn ammo hidhaa daangaa hin qabneen dararuu kana mala godhate dargaggoowwan Beegii mana hidhaa keessaa fuudhuun gara Gimbiitti dabarsuuf wayita jedhanitti Uummatni gamtaan bahuudhaan ilmaan keenya bakka geessitan hin qabdan, nuu gadhiisaa jechuun waraana Wayyaanee dura dhaabbatee falma irratti argama.

Gaaffii abbaa biyyummaa Uummatni Oromoo gaafachaa jiru dura dhaabbachuuf Wayyaaneen ilmaan Oromoo mana hidhaatti ukkaamsaa kan turtee fi ajjeechaa garaa jabeenyaa raawwachaa kan as geese Godina wallaggaa lixaa keessatti jiraattota magaala Beegii fi naannoo ishee kan tahan ABO waliin hidhata qabdu, Isintu Uummata nurratti kakaase maqaa jedhuun murtii dabaa dabarsitee jirti. Ilmaan Oromoo mana hidhaa mootummaa Wayyaanee keessatti darbamuun murtiin dabaa irratti murteeffame keessaa gariin:-

1.   Abbush Fiqiruu murtii hidhaa waggaa fi ji’a shanii

2.   Abdoo Raggaasaa Murtii hidhaa waggaa tokkoo

3.   Bakkalchoo Mikaa’el Murtii hidhaa ji’a 10

4.   Tashaalee Abarraa Murtii hidhaa ji’a 10

5.   Saalman Ahmed murtii hidhaa ji’a 10

6.   Zaakir Haajii Dhaabaa mmurtii hidhaa ji’a 10

Kan murteeffame yoommuu tahu Uummatni gamtaan dhaabbachuun murtiin dabaa kun ka’uu qaba jechuudhaan FDG itti fufee jira. Mootummaan Wayyaanees dhiphina jabaa keessa kan seene waraana hedduumminaan bobbaasuudhaan Uummata reebuu fi doorsisuu irratti argamti. Uummatni Oromoo golee Oromiyaa keessaa marti murtii dabaa ilmaan Oromoo irratti murteeffamaa jiru dura dhaabbachuun falma akka gaggeessu Qeerroon waamicha dabarsa!

1 thought on “Jiraatoti Godina Wallaggaa Lixaa Magaalaa Beegii “Hidhamtootni haa hiikaman”Jedhchuun FDG Itti Fufan!‏

  1. Pingback: The Oromians Protest Ethiopia’s New Master Plan of Ethnic Cleansing against the Oromo in the Name of Development Expansion of Finfinnee (Addis Ababa) | OromianEconomist

Leave a Reply

Fill in your details below or click an icon to log in:

WordPress.com Logo

You are commenting using your WordPress.com account. Log Out /  Change )

Twitter picture

You are commenting using your Twitter account. Log Out /  Change )

Facebook photo

You are commenting using your Facebook account. Log Out /  Change )

Connecting to %s