Barattoota Sabboontota Oromoo Adaamaa Irraa Bakka Buuteen Isaanii Dhabame Mana Hidhaa Maa’ekilaawwi Keessatti Dararama Guddaa Keessa Jiru

Gabaasa Qeerroo Adaamaa,Caamsaa 20,2014

Gabaasa Qeerroo magaala Adaamaa Caamsaa 20,2014 akka addeessuun ammaan dura sabboontotni barattootni Oromoo Yuuniversitii Adaamaa irraa hidhaman muraasni isaani tasa bakka buutee isaanii dhabamee ture,akka gabaasaa kanaatti odeeffannaan isaa karaa caasaa mootummaa Waayyaanee irran dhufeen barattoota sadii Yuuniversitii magaalaa Adaamaa irraa adda godhee mootummaan Wayyaanee isin FDG akka magaalattis tahe Yuuniversitii keessatti adda durummaan gaggeessaa turtan,jaarmiyaa Qeerroo Bilisummaa Oromoo gaggeessitu fi sochii qabsoo bilisummaaf dargaggoonni deeman waliin wal qabsiisuun bakka biraatti dhoksaadhaan reebicha hamaa isaan irratti raawwachaa turan. Amma garii isaanii gara mana hidhaa Maa’ikelaawwii bakka lubbuun ilmaan namootaa keessatti dhumte fidani jiru, kan hidhamanis namoota irraa adda baasanii bakka iji namaa hin argine dukkanaan golgalamee jiru keessatti dararamaa jiru. Isaan keessaa barataa Mokonin Kabbadaa kan jedhamu reebichi hamaan isa mudatee Hosptala galee jiraachuu isaa gabaasi maadhee Wayyaanee keessaa nu gahe addeessa. Barattooti Kunis:-

  1. Barataa Addunyaa Kiisoo-barataa Yuuniversitii Adaamaa waggaa 4ffaa suuraan isaa fuula kana irratti kan argamu,kanaan duras gabaasnee kan turre,
  2. Bilisummaa Daammana-barataa GC kan ture ykn kan barana eebbifamu,
  3. Mokonin Kabbadaa kan jedhamaniidha.

Egaa mootummaan Wayyaanee ammas ilmaan Oromoo hidhuu irraa kan boodatti jedhu miti kufaatiin isaa waan hin hafneef kana of oolchuuf mana hidhaa Oromiyaa keessatti baayifatee Oromoo kanneen sabboonummaa qaban hidhuutti sadarkaa maraannaa keessa seenee jira,hidhamuu fi dararamuu barattoota kanaaf barattootni sabbontotni Oromoo mooraa Yuuniversitii Adaamatti argaman hunduu ajjechaa,ariyama manneen barnootaa fi hidhamuu ilmaan oromootiif hawaasni oromoo hunduu akka nu waliin hiriiruuf FDG jabeessu dhaamsa dabarsina jedhu.

2 thoughts on “Barattoota Sabboontota Oromoo Adaamaa Irraa Bakka Buuteen Isaanii Dhabame Mana Hidhaa Maa’ekilaawwi Keessatti Dararama Guddaa Keessa Jiru

  1. Pingback: Barattoota Sabboontota Oromoo Adaamaa Irraa Bakka Buuteen Isaanii Dhabame Mana Hidhaa Maa’ekilaawwi Keessatti Dararama Guddaa Keessa Jiru (Qeerroo) | OromiaTimes

  2. Pingback: Widespread brutalities of the Ethiopian Government in handling protests in different parts of the state of Oromia by peaceful demonstrators | OromianEconomist

Leave a comment