FDG Barattoota Oromoo Yuuniversitii Mattuu fi Yuuniversitii Bulee Horaa,Akkasumas Naqamtee Keessatti Daran Jabaate!

BREAKING NEWS :-  Gaaffii Deebii Barattoota Oromoo Godina Iluu Abbaa Booraa fi Jimmaa Ebla 28 2014

Gaaffiin abbaa Biyyummaa jabaatee itti fufuun Yuunivarsiitii Bulee Horaa keessattis dho’e

Gaaffiin abbaa biyyummaa daran jabaachuun kan itti fufe Yuunivarsiitii Bulee Horaa keessatti ilmaan Oromoo gaaffii abbaa biyyummaa itti fufan. Gaaffii keenya gaaffii bilisummaati, Kanneen hidhaman nuuf haa hiikaman jechuun kan itti fufan Qeerroon Yuunivarsiitii Bulee Horaa mootummaan wayyaanee dhiphina keessa akka seenu taasisee jira. Oromiyaan bu’aa addaa magaala Finfinnee irraa argachuu qabdi kan jedhu osoo hin mirkanfamiin Lafa naannawa Finfinnee federaala jala galchuuf sochiin eegalame dhaabbachuu qaba jechuun Qeerroon Yuunivarsiitii Madda walaabuu gaaffii abbaa biyyummaa dhiyeessee jira. Mootummaan wayyaanee gaaffiiwwan mirgaa gaafatamaniif deebisa kennuu kan dadhabde Yuunivarsiitiiwwan keessatti waraana kumaatamaan bobbaasuun rasaasaa fi uleen dura dhaabbachuu irratti argamti. Mootummaan wayyaanee bara dhufaa darbaa keessatti Uummata Oromoo saamaa fi hidhaa kan ture hundeen buqqa’uu qaba jechuun Qeerroon bakka maraa ejjennoo tokkoon itti fufuun Uummatni maatiin barattootaa gamtaan akka ka’an Qeerroon Yuunivarsiitii Bulee Horaa dhaamsa Oromummaa dabarfatanii jiran.

 

3 thoughts on “FDG Barattoota Oromoo Yuuniversitii Mattuu fi Yuuniversitii Bulee Horaa,Akkasumas Naqamtee Keessatti Daran Jabaate!

  1. Sochiin kun Oromiyaa keessatti qofa osoo hin taane, biyya ollaa Oromiyaa jira(MN kaanii) keessattilee ka’uun irra jiraata!!

  2. Pingback: FDG Barattoota Oromoo Yuuniversitii Mattuu fi Yuuniversitii Bulee Horaa,Akkasumas Naqamtee Keessatti Daran Jabaate! | QEERROO | OromiaTimes

Leave a Reply

Fill in your details below or click an icon to log in:

WordPress.com Logo

You are commenting using your WordPress.com account. Log Out /  Change )

Google photo

You are commenting using your Google account. Log Out /  Change )

Twitter picture

You are commenting using your Twitter account. Log Out /  Change )

Facebook photo

You are commenting using your Facebook account. Log Out /  Change )

Connecting to %s