Mootummaan Wayyaanee Badii Tokkoon Malee Sabboonaa Artistii Oromoo Jaafar Yusuuf Ukkaamsuu Mana Hidhaa Galche

Mootummaan Wayyaanee aartii fi Artistoota Oromoo nyaachaa alalfachaa kan as geesse Sabboonaa Jaallatamaa wallisaa Oromoo kan tahee fi yeroo ammaa kana keessatti walleewwan haaraa baasuudhaan daran jaallatamaa kan dhufe Wallisaa Artistii Oromoo Jaafar Yusuuf mootummaan wayyaanee Ukkaamsuun mana hidhaa keessatti darara irraan gahaa jirti. Mootummaan wayyaanee Wallisaa Jaafar Yusuuf dhimma Lafa naannawa Finfinnee federaala jala galchuu ilaalchisee wallee Finfinneen Keenyuma jedhu wallee baaqqee gadhiisteetta, Ati akeeka mootummaa wayyaanee Uummata kakaasuun fashalsiisuu irratti argamta jechuun mana hidhaatti ukkaamsuun darara jabaa reebichaa bakka lafeen ilmaan Oromoo hedduun keessatti nyaatame Maaikelaawwii keessatti dararaa jirti.

Sabboonaa Wallisaa Art. Jaafar Yusuuf
Mootummaan Wayyaanee Artistoota Oromoo waan Oromoo fi Oromiyaa sirban kanneen akka Eebbisaa Addunyaa, Yoseef Gammachuu, Usmaayyoo Muusaa, Abdii Qophee fi kanneen biroo hedduu darara jabaa irraan gahuun lubbuu isaanii kan dabarsite yoommuu tahu yeroo ammaa kanas Sabboontota Oromoo Artistoota waan Oromoo sirbuun oromummaa hubachiisan kanneen akka Jaafar Yusuuf mana hidhaa keessatti darara jabaa irraan gahaa jirti. Sabboonaan Artist Jaafar Yusuuf walleewwan hedduu qabu keessaa waan Uummata Oromoo haamilachiisuu fi Gootummaa wallise keessaa..Hafanfartuu Shoolee.. Hara hin galtu Booree, Hayyaa lolaa yaa lola Eeeboo fi torbaan darbe keessa ammo Finfinnee fi naannawaan Finfinnee keenyuma hin kenninu murree kan jedhuu fi kanneen biroo hedduu dha. Mootummaan wayyaanee namoota gama aartiinis tahe gama barnootaan Uummata isaanii hubachiisan hidhuu fi ajjeesuun uummata Oromoo doomsee garboomsuu kan akeekkate baroota bittaa isaa mara waan taheef Uummatni Oromoo bakka jiruu kaee Wallisaa Jaafar Yusuuf mana hidhaadhaa akka gadhiifamu diddaa gama hundaan akka dhageessisuu fi dhuguma lafti Oromiyaa Finfinneen handhuura Oromiyaa taatee naannawa Finfinnees diinaaf kutnee akka hin laanne akka mirkansinu Waamicha Oromummaa dabarsina.

 

**Wallisaan Sabboonaa  Oromoo Jaafar Yesuuf Dhalottan Godinna Qeellam Wallagga anaa Gidaamitti kan dhalate yeroo ta’u. Sababaa Walleeleen isaa mirga uumata Oromoo gaafatuuf jecha Mootummaan Wayyaanee naannoo Magala Borrayyuu lafa Kattaa jedhamutti konkolaataa sadiin marsanii qabanii fuudhanii hama hidhaa Ma’ikelaawwee buusuun beekamee jira.

 

3 thoughts on “Mootummaan Wayyaanee Badii Tokkoon Malee Sabboonaa Artistii Oromoo Jaafar Yusuuf Ukkaamsuu Mana Hidhaa Galche

  1. Nagaa fayyaa jirtuu uummanni Oromoo ballaan ? akkuma beekamu barataa jabaa fi wellisaa lammii isaaf yaadu ukkaamsuun amala wayyaanee akka ta’e addunyaan ni mirkaneessa. Isaan kaan biyyaa baasa, akkam goona? ka’aa dhimma artist Jaafar falmannaa maaloo

  2. Maal godha yeroo hundaa dhukkuba SAMMUU dhukkubsachaa jiraannaa, ogeessi fayyaa nuuf hin beeku, BILISUMMAAN Qoricha maaloo DAANDII BILISUMMAA Eessarra nurkaa bade, deebiin Tokkummaa Uummata Oromoo hundaati, ka’aa ABO, Qeerroo, WBO Simannaa !

  3. Pingback: Qeerroo.org: Wallisaa Sabboonaa Jaafar Yusuuf Reebicha Hamaa Wayyaaneen Irra Gaheen Hospitaala ALERT Seene‏ | kelbessac

Leave a Reply

Fill in your details below or click an icon to log in:

WordPress.com Logo

You are commenting using your WordPress.com account. Log Out /  Change )

Google photo

You are commenting using your Google account. Log Out /  Change )

Twitter picture

You are commenting using your Twitter account. Log Out /  Change )

Facebook photo

You are commenting using your Facebook account. Log Out /  Change )

Connecting to %s