TOKKUMMAAN DHAADANNOO FI HAWWIIN HIN DHUGOOMU ! kutaa 2ffaa

SEENAA Y.G(2005) kutaa 2ffaa.

barruuYaada koo har’aa , yk kutaa 2ffaa, qabxiilee lama, kan kutaa 1ffaa keessatti itti fayyadameenin eegala. “Tokkummaan nu barbaachisu maal irratti ? Tokkummaa nuuti barbaannu,tokkummaa maaliitii ? Tokkummaa Bara Abbaa Biyyaa turreeti ? Tokkummaa Bara Gadaan tureetii ? Tokkummaa Dhiigaatii ? Tokkummaa Siyaasaatii ? Tokkummaa Ummataati ? Tokkummaa Dhaabbilee Siyaasaatii ? Tokkummaa Sabummaatii ? Tokkummaa yaadaatii ? Tokkummaa ejjannoo Siyaasaatii ? Tokkummaa Qabsootii ? Tokkummaa Ilaalchaatii? ? Tokkummaa jireenya hawaasummaatii ? Tokkummaa Amantii fi Gandummaa dhiifnee waliin jiraannudhaa ? Tokkummaa maalii barbaanna ? Tokkummaa Bilisummaa dura Qabsoo keenyaaf barbaachisu moo, kan Bilisummaan boodaati ?,,,,,,,,,,,”(kutaa 1ffaa keessaa ka fudhatame)

Egaa tokkummaan nuuti barbaannu kana hundaa kan hammatu ykn garii isaa fudhatee isa kaan dhiisu, ykn amma kan nu barbaachisu tokkummaa isa kanadha ! jennee yaada mataa keenyaa tarrisuu dandeenya ta’a. mee tokkummaa nuuti hawwinu kana waliin, Lammiilee keenya addunyaa kana keessa hanga jiraatanitti, Amallis, beekumsis, qalbiinis, jabinnis , laafinnis kkf horachuun isaanii waan hin hafne. Kan Umamaa amala gara garaa badhaafamees akkasuma. Namoota armaan gadii (kutaa 1ffaa keessaa kan fudhe) yaada, ilaalcha, fedhii fi amala adda addaa qaban kunniin, akka hawaasaatti Tokko taasifna yoo jenne ni ta’aa ? bara falmaa diddaa gabrummaa gaggeessinu kana keessa kana hundaa Ummta keessatti tasgabbeessuu dandeenyaa ? yoo ni yaalla jennee ni milkoofnaa ? namoota amala adda addaa qaban kana ammoo, gara Qabsootti galchaatii xiinxalaa . Mooraa qabsoo keessatti maal uumu?? Tokkummaa hawwiinun ala, kakuu lafeen gootawwanii naa haa waraanuu san ni dhugeessuu ? Tokummaa wareegama barbaadu nu goonfachiisuu ? haalli kun nu hin mudannee ? miidhaa maalii nu irraan ga’e ? irra deebi’ukootti hin nuffinaati irra deebi’aa dubbisaa xiinxalaa.

TOKKUMMAAN DHAADANNOO FI HAWWIIN HIN DHUGOOMU !!!! kutaa 2ffaa.docx

Leave a comment