Naannoo Yuunivarsiitii Haramaayaa Hara Xinniqqeetti ayyaanni irreechaa diddaa Qeerroo hammachuun ayyaaneffatame

Onkoloolessa 10,2013 Haromaya

Aadaa, amantii, seenaa fi duudhaa isaa guddisuuf uummatni Oromoo eeyyama qaama kamuu kan gaafatuuf hin qabu. Mootummaan abbaa irree wayyaanee garuu aadaa fi duudhaa uummata oromoo ukkaamsuuf shira inni dalagaa turee fi itti jiru daangaa hin qabu. Godina Harargee bahaa Yuunivarsiitii Haramaayaa keessatti sabboontotni barattoota oromoo bara 2009 aadaa fi amantii waaqeffannaa guddisuuf Gumii waaqeffannaa Haroo Haramaayaa hundeessan. Gumiin waaqeffannaa kun hundeen erga dhaabbatee bulchinsi mooraa haramaayaa fi jala deemtotni mootummaa wayyaanee ukkaamsuu fi dhabamsiisuuf miseensota waaqeffannaa hidhaa fi doorsisaa turan. Gumiin kun kutannaan itti jabaachaa dhufuun birraa baranaa 2013 kanas ayyaana irreechaa naannoo Hara Xinniqqeetti haala hoaa fi diddaa hammateen ayyaaneffatee jira. Ayyaana irreechaa kana irratti walleewwan warraaqsaa gootawwan Oromoo faarsan hedduun kan wallifaman yoommuu tahu qeerroonis dhaamsa walii dabarsee jira. Jala deemtotni mootummaa wayyaanee kutannaa kanaan kan baaragan barattoota adda baasuuf yaalii taasisanis barattootni uummata waliin hariiroo jabaa qabaachuu irraa shirri diinaas fashalee jira. Qeerroon Oromoos diddaa fi dhaadannoo, walaloo gootummaa garaa garaa dhageessisuun haala hoaan ayyaaneffatanii jiran.

Gama biraan ,Godina Harargee bahaa aanaa Haramaayaa fi magaala Dirree Dawaa irraa walitti dhufuun maadheeleen ABO gamtaan haala yeroo fi dhimma QBO irratti marii taasisan. Godina Harargee bahaa aanaa Haramaayaa keessaa maadheeleen Haroo xinniqqee, Caffee Raaree, maadhee Qilxuu Awwadaay lakk 1, 2 fi 3 magaala Dirree dawaa keessaa ammo maadheen Gucaa, Bilisummaa fi Gucaa lakk 2 walitti dhufuun marii gaggeessanii jiran. Marii kana irratti wayita mootummaan wayyaanee bututee fi uummatni oromoo gamtaa fi tokkummaa uumetti gaheen maadheelee maal tahuu qabaa irratti marii’atanii jiran. Maadheeleen martis bakkeewwan hojii fi barnootaatti uummata kakaasuu fi maadheelee kanneen hammataman dadammaqsuun qooda akka bahan irratti walii galanii jiran. Maadheeleen kun shamarran Oromoo Jaarmyaan of ijaaran cinaa adda durummaan akka dhaabbatanis lafa kaawwatanii jiran. QBO fuul duratti tarkaanfachiisuufis qarshii 1600 gumaatanii jiran. Maadheeleen kunneen marii isaanii osoo hin goolabiinis ibsawwan ejjennoo armaan gadii lafa kaawwatanii jiran.

  1. Maadheelee ABO ni kakaasna, Uummata FDGf wareegama nurraa eegamu kaffallee ni baasna
  2.  Shamarran Oromoo gamtaan QBO tarkaanfachiisuuf hojjetan cinaa ni dhaabbannam ni deeggarra]
  3. WBO cinaa ni hiriirram waan nurraa eegamu ni kaffalla
  4. Murnawwan dhaaba Oromoo jechuun gufuu QBO tahaa jiran dura ni dhaabbanna
  5. Saaminsa lafaa, hidhaa Jumlaa, faalaminsa qilleensa Oromiyaa gamtaan dura ni dhaabbanna
  6. Qeerroon akeeka lafa kaawwate hanga galmaan gahu wareegama barbaachisaa ni kaffalla]
  7. Diina QBO akka diina dhuunfaatti fudhachuunn lafa irraa balleessuuf ni hojjenna
  8. Gaaffii mirgaa hawaasni musliimaa gaafatuuf mootummaan wayyaanee deebii hatattamaa akka kennu ni gaafanna
  9.  Miseensota OPDO, Waraana wayyaanee keessatti ilmaan Oromoo jiran kaadhimuu fi barsiisuun QBOf gumaata Oromummaa akka bahan ni hojjenna

Kanneen jedhan lafa kaawwachuun Alaabaa ABO qabachuun marii isaanii waadaan xumuranii jiran.

Leave a comment