Aanaa Calliyaa Keessatti Diddaan Barattootaa Oromoo Daran Hammaachuu Qeerroon Gabaase.

Bitootessa 30,2013 Geedoo

Aanaa Calliiyaa mana bartumsaa Geedoo Sadarkaa 2ffaa fi Qophaa’inaa irraa baratootni Oromoo balleessaa malee humna Poolisaan hidhamanii turan torba Shororkeessitummaan himataamaa jiraachuun waajjiraa Poolisii aanaa Calliyaa Geedootti dararamaa Jiraachuu qeerroon Geedoo irraa gabasee jira, Baratootni badii tokko malee sababa Oromummaa isaanii qofaan dararamaa jiran kunis maqaan isaanii:

1, barataa Getaachoo Caalchisaa kutaa 10ffaa,
2, barataa Shallaamoo Guddisaa kutaa 10ffaa,
3, barataa Fayisaa Guddisaa kutaa 10ffaa,
4, barataa Kaabbadee Motummaa kutaa 11ffaa
5, barataa Mootummaa Urgeessaa kutaa 11ffaa,
6,barataa Wandimmuu Alamayyoo kutaa 10ffaa

Kannee barachaa jiraan mootummaan Wayyaanee ilmaan Oromoo nagaa yakkaamtotaa taasisuun barnota irraa hidhee darara jiraachuun gabaafame Ummaannii Qonnaan Bultotni Aanaa Calliyaas diddaa isaanii jabeessuun walga’ii garagara wayyaaneen gandootaa keessaa deemtee wamtu lagatan, Sabbontotni Oromoo fi ,maatiin baratootas hidhaman kanneenis baratootaa keenyaa nuf hiikaa? Ijoolleen keenyaa badii malee maaliif hidhamuu? jechuun waajjiraa poolisii Aanaa Caalliyaa Geedoo muddaa jiraachuun, gabafame jira, haluma kanaan Aanicha keessaatti diddaan ummataa jabaate jira.

 

Leave a comment