3 thoughts on “Ka’i Oromoo!!

  1. ‘Of dadhabduutti aduun lama dhiit’ jedhu Oromooti keenya warri durii. Warri ammaa immoo maal jedhu? Habashooti neo-minilik sirna bittaa gabrummaa itti fufsiisna jedhanii geeraraa jiru. Nuti jiraataa lubbuun keeysa jiru ofiin jenna moo du’aadha ofiin jenna? Namni lubbuun keeysa jiru waa falata malee akka reeffa bokokee ciisuu titiisi irratti wal hin loltu!

  2. *Tokkoon tokkoon lammii Oromoo wal gurmeessee bakka jirutti fi bakka isaa mijate hundatti inni biyya koloneeffatamtee TPLF/Tigireedhaan to’atamte keessa jirus inni biyya ambaa keessa jirus waan murna faashistii habashaa diigu, waan hawaasa/uummata biratti isa jibbisiisu, waan xuraa’ummaa fi aramanummaasaa saaxilee isa tuffachiisu, waan isa busheessee raasee naasisee biyya Oromoo gad dhiisee bahu isa godhu tarkaanfii wal irraa hin citne fudhachuu qaba.! Ofii badanii namaa hin hilan. Bara baraan bineensa of nyaachisuun haa ga’u.! Ofii booysee diina ofitti kofalchiisuun haa ga’u.! Akka horiitti ilaalamuu fi tuffatamtee mataa gad qabachuun haa ga’u.! Diinni lafa Oromoo irratti badhaadhee Oromoon dhoramee gadaduun haa ga’u.!

  3. *Ka’i Oromoo maaf dhaama abiddi warraaqsaa, Kan ilmaan kee itti qalamanii kaffalan aarsaa, Dhiigaa fi lafeen isaanii sitti ta’a abaarsa, Ka’i ofirraa hurgufi cigigitii mammaaksaa, Waan diinni siin jedhu hoo ni dhageessaa. *Ka’ii falmadhu deebifadhu mirga kee, Sabootni baay’een bilisoomanii booreen sitti hafee, Garaa maaliitu si taa’aa gabrummaa baattee, Sitti roorrisamee salphisamtee ukkaamsamtee. *Garaa attamiitu si obsa ilmaan qalamanii. Ol adeemaan kichuun karaatti hambifamanii, Aayyolii fi shamarran osoo dhiiga booyanii, Akka horii itti wal jijjiiranii osoo salphisanii, Oromoon horiidha nama miti siin jedhanii. *Ka’i Oromoo itti deebitaa jireenya dhuunfaa keetti, Roorroo ofirraa deesitee jiraachuuf nagaatti, Bilisummaa malee hin jiruu boouun biyya ofiirratti, Qotanii daldalanii baratanii jiraachuu akka namaatti. *Diigi gurmaa’iitii maaf akka horii tiksamta, Gooxii garee shanee caasaa gabroomfataa, Irreekee olkaasi diinakeerratti atis onnee baattaa, Hin hiliniifii ajjeesi diinni yoos si sodhaataa, Hin seesinii mancaasi qabeenyaa habashootaa, Lafarraa si fixaa akka jiran ni dhageessa ni argitaa, Bara dhibbaa ol saamamaa hoo jirtaa, Maalumaaf calsta maaliif garaa hirta, Maalumaaf calstee roorroo ofirratti ilaaltaa? I.U.O. tiif!!!

Leave a comment