Godina Iluu Abbaa Booraa Ona Mattuu Keessatti Barattooti Oromoo Hiriira Nagaa Bahuun Gaaffii Mirga Gaafatan

Onkoloolessa 20,2012 Mattuu

Gabaasaa Godina Illuu Abbaa Booraa,Ona Mattuu akka addeessutti  ganda 01. Naannoon buufata mana barumsaa Hospitaala Ona sanaa cina ykn buufata raadiyoo mattuu(Mettu Radio Station) cinaadha  kan argamuu keessatti Onkoloolessa 16 Qeerroon mana barumsaa qophaayina irraa baratu  ganama mana barnootaa osoo hin seeniin duratti waraqaa dhadannoo qabsoo qabachuu fi gaaffii mirgaa Oromummaa fi qeerroo dhadessu baadhachuun hiriira bahan. Waraqaalee fi alabaa Oromoo bakkoota adda addaatti akka maxxansanii fi facaasanii jiran gabaafame.

Qeerroon gabaasaa isaa addeessa. waraqaan kunis walakkaan isaa dhaadannoo:

-Qabsoon Oromoo Hamma bilisummaatti!!

-Hireen murteeffannaa Oromoo haakabajamu

-Bilisummaan Amma dhufti!!

-Mootummaa Wayyaanee Gadaan Isaa Raawwate!!

-Kottaa Tokko Taanaa Yaa Oromoo!!

-Of irraa Kaasnaa Roorroo!

-Qeerroon qabsoo karaa nagaa gaggeessu itti fufa.mirga keenyas

Kanneeen jedhan qabachuun kan biroo ammoo bifa walalootiin waraqaa walitti fufsiisuun qopheessanii hiriira barattootaa irratti mul’isuudhaan barsiisota kanneen mootumma kanaaf garaa guutuu bitamanii jira rifaasisuudhaan hamma sadarkaa dhimma nageenyaa godina sanaa waamsisuutti akka gahan gabaasaan Qeerroo addeessa. Guyyaa kana dhimma kanaan wal qabatee barumsi manicha barumsaa ona Mattuu san irratti akka hin taane gabaasaan Qeerroo addeessa.Gaaffiin barattootaas sirnaan osoo hin deebi’iin humna poolisoota naannoon akka tamsa’u taasifamee jira.

1 thought on “Godina Iluu Abbaa Booraa Ona Mattuu Keessatti Barattooti Oromoo Hiriira Nagaa Bahuun Gaaffii Mirga Gaafatan

Leave a comment