Godina Booranaa aanaa Yaabelloo keessatti ilmaan oromoo oolmaa guyyaa guyyaa akka gabaasan wayyaaneen dirqamsiise.Diddaanis daran jabaate.

Fulbaana 23,2012 Yaabello
Godina Booranaa aanaa Yaabelloo ganda Surubbaa,Tulaa waayyuu fi Bildim keessatti mootummaan Wayyaanee ilmaan Oromoo shan shaniin gurmeessuun oolmaa isaanii kan guyyaa guyyaa akka gabaasan dirqamsiise.Mootummaan Wayyaanee diddaa ilmaan Oromoo irraa itti jabaachaa dhufe dura dhaabbachuuf shira kana xaxus uummatni Oromoo naannoo kanaa kan guyyaa guyyaan oolle hin gabaasnu, Sirni Wayyaanees garboomsaa fi cunqursaa tahuu hubannee waan kora teenyee murteessineef lamuu Wayyaaneen hin bullu jedhee jira.
Mootummaan EPRDF Wayyaanee namoota hin gabaasne isini miseensota ABOti,ABOtu diddaa kana akka qindeessitan isin ijaare jechuun maqaa qorannoon rakkisaa jira.Diddaa Oromiyaa keessatti dua Muummicha ministeera Mallas Zeenaawwiin booda daran wayyaanee muddeen kan baarage Wayyaaneen waraanaan ilmaan Oromoo toachaa jira.Doorsisni,hidhaa fi ajjeechaan jabaatus diddaan daran akka jabaatu qeerroon naannoo kanaa dhaamee jira.

Leave a comment