Waxabajjii 28,2012 Jimma
Waxabajjii 24,2012 Guyyaa eebba Barattootaa Yuunivarsiitii Jimmaa irratti barattootni oromoo wallee gootummaa fi qeerroo faarsan dhageessisan.Guyyaa kana guyyaa sabootni garaa garaa yuunivarsiitii kana sababa eebbaaf seenanii fi sabboontotni oromoo Oromiyaa keessaa dhaqanitti Qeerroon Oromoo guyyaa kana galgala keessaa kaasee wallee garaa garaa dhageessisanii jiran.Walleewwan gargar hin baanu,Oromoon leencuma duruu fi kanneen biro kan dhageessisan yoommuu tahu uummatni eebbaaf naannoo kana dhufe waliin dhiichisaa turee jira.Guyyaan kun barattoota oromoo FBE,Health fi Natural sciencen kan itti eebbifaman yoommuu tahu mootummaan wayyaanee walleewwan kana dhaabuu dadhabuun dhaabbatanii ilaaluuf dirqamanii jiru.Barattootni Oromoo Yuunivarsiitii kanaa yeroodhaa yerootti sirboota gootummaa sirbuunii fi fiilmiiwwan afaan oromoo mootummaa garboomfataan dhorkaman dirqamaan galchuun diddaa garaa garaa yeroodhaa yerootti gaggeessaa turuun isaaniis ni yaadatama.