Bitootessa 30,2012 Finfinnee
Mootummaan wayyaanee hidhaan,ajjeechaan ilmaan Oromoo rakkisaa kan turee fi kan itti jirun yoommuu tahu uummata Oromoo hunda hidhaa dhaabbii hidhuufis fala fale qaba.Mootummaan Garboomfataa Wayyaanee lafaa fi qabeenya ilmaan Oromoo gurguraa,hiraa kan turee fi itti jiru yoommuu tahu bosona Oromiyaa keessaa gubuun hongee fi beelaan ilmaan Oromoo miidhuuf karoorfate bosona Oromiyaa hedduumminaan gubaa jira.Ilmaan Oromoo shira mootummaan Wayyaanee itti turee fi itti jirutti jabinaan dammaquun birmachuu qaba.Mootummaan Wayyaanee Bosona Oromiyaa Waraana ABO WBOtu keessa gala jechuun akeeka godhatee ilmaan Oromoo hongee fi beelaan fixuuf bosona Oromiyaa bakkeewwan garaa garaa gubaa jira.Waggoottan dhihoo darbanittis bosona Oromiyaa Baalee,Booranaa fi Wallagaa keessaa hedduu kan gube yoommuu tahu yeroo ammaa Baalee,Arsii fi bakkeewwan birootti ibidda qabsiisuun sababa hin beekamneen gubachaa jira jechuun miidiyaatti bahee lallabaa jira. Oromoo naannoo bosona kanaa manneen isaanii irraa halkanii fi guyyaa ibidda tiksaa dararamaa fi yaaddoo guddaa keessa bu;anii jiru.Mootummaan kun Qabeenya Oromoo gubee Oromootu gube jechuuf fala falaa waan jiruuf uummatni Oromoo marti irratti dammaquun bosona gubatee fi gubachaa jiruuf mootummaa Wayyaanee itti gaafatamummaa akka taasifnu dhaammanna jedhu Qeerroon.
Hojii kana ummanni addunyaa beekee akka mormuuf miidiyaan oromoo sirriitti hojjechuu qabu.