Gurraandhala 19,2012
Biyya Ethihopia keessatti mirgi ummataa kabajamuun hafee,ummanni walii gala gaaffii karaa nagaa mirga isaa argachuu yoo kaase hidhamuu fi ajjeefamuu akkasumas biyyaa arihamuun waan aadeffame dha. Haaluma kanaan warraaqsa Oromiyaa keessatti qabatee ummanni Oromoo naannoo jiru maratti mirga abbaa biyyummaa falmataa jiruuf amma illee hiikkaa fi deebii ummattoota hojii fi barnoota irraa arihuu fi hidhuu tahee itti fufee jira. Erga barattooti Oromoo Jimmaa diddaa kaasanii as Gurraandhala 18,2012 Oromiyaa bakkoota adda addaa irraa hojii warraaqsaa deemsisaa jirtu jechuun sabboontota armaa gadii barnootaa fi hojii isaanii irraa qabuun mana hidhaa hin beekamnetti geeffamanii jiru.
1. Lammaa Tasfaayee, jiraataa Finfinnee
2. Milkeessaa Miidhagaa, Barsiisaa Yunivaristii Dirredaawaa
3. Girmaa Nagaasaa , Barataa Yunivaristii Jimmaa, Waggaa 1ffaa
4. Magarsaa Waaqjiraa , Yunivaristii Hawaasaa, waggaa 3ffaa
5. Daraaraa Abdiisaa, Dhalataa Aanaa Jalduu
6. Birruu Galataa, dhalataa Aanaa Ada’aa Bargaa
7. Abdallaa Alamuu , Wallagga, Giddaa Ayyaanaa
8. Phaawuloos Tasfaayee, jiraataa Magaala Sabbataa
9. Leellisaa Oliiqaa, jiraataa magaala Naqamtee
Kan amalees godina Shawaa dhihaa magaalota adda addaa keessatti alaabaan ABO ifatti fannifamuu fi maxxanfamuu ummanni argan abdiin Bilisummaa akka dhihaatee jiru ibsachuun gammachuu fi hamleen warraaqsa cinaa dhaabbatanii akka jiran Qeerroon lixa Shawaa irraa gabaasa.
Qabsoon itti fufa! Gabrummaan ni kufa!
wow! No retreat, no surrender!!
Utuu walii gallee dhagaa tokko tokko wayyaaneetti darbanne guyyaa tokkotti kuffisuu dandeenya!!
Oromia shall be free!!
Anything less we donot agree!!!