Duulli Hidhaa Jumlaa Fincila Jabeessisa Malee Oromoo Hin jilbeenfachiisu

                                                                     (Infoo Deeskii ABO irraa)
Mootummootiin abbaa irree sagalee ummatootaa ukkaamsuuf jecha tarkaanfiilee akka meeshaatti itti dhimma bahan keessaa tokko hidhaa jumlaa ti. Hoggaa mormiin ummataa itti jabaachaa dhufe hundumaa ummata julmaan guuranii mana hidhaatti naquun aadaa isaanii ti. Ummata ni bulchina jedhanu irraa amantaa waan hin qabneef shokokkee xiqqoo tokkoon baaraganii tarkaanfii doorsisaa fudhatu.

Gaaddidduu mataa isaanii shakku. Yaada ummanni qabu dhagahuuf fedhiis tahee obsa hin qabani. Mootummaan TPLFis sirna abbaa irree waan taheef amaloota kana fakkaataniin ibsama. Ummatoota humnaan bulchaa jiru irraa soda guddaa waan qabuuf hidhaa jumlaatiin jiilchuu kajeela.

Yeroo ammaantanaa Oromiyaa keessatti balínaan kan muláchaa jirus kanuma. Sababni hidhaa jumlaa Oromiyaa bakkoota adda addaatti geggeeffamaa jiruu maal akka tahe beekamaa dha. Diddaa ummataa tu babalátaa deemaa jira. Fincila barattootaa, hojjetootaa, qotattootaa fi murnoota hawaasa Oromoo biroo tu Wayyaanee sardaa jira. Sirni bifa kanaan muddame kun ummata jumlaan guuree mana hidhaatti naquu akka tooftaa of baraarsaatti waan fudhate fakkaata.

Hará Oromiyaa keessaa bakki hidhaa jumlaa kana irraa walaba tahe hin mulátu. Bahaa dhihatti, kaabaa kibbatti Oromiyaan qehee roorroon itti hammaate taateetti. Keessumattuu odeessi Dhiha Oromiyaa onoota adda addaa irraa dhufaa jiru akka mulísutti lakkuma duulli hidhaa babal’atuun diddaan ummataas jajjabaachaa deemuutti jira. Giddu galeessa Oromiyaa keessaa odeessi bahus haaluma kana mirkaneessaa jira. Kutaalee Oromiyaa biroottis lammiileen lakkoofsi isaanii sirriitti hin beekamin guyyaa guyyaan guuramanii hidhamaa jiru.

Ilmaan Oromoo jumlaan hidhamaa jiran kun yakka tokko illee akka hin qabne waan beekamuuf maqumaafuu tahu mana murtiitti dhiheeffamuu dhorkaman. Yoo mana murtiitti dhihaatan badiin isaanii maal akka tahe waan gaafatamuuf dabballoonni Wayyaanee maqaa abbaa alangummaatiin moggaafaman deebii hin qabaatani. Kana dursanii waan beekaniif
namoota ukkaamsanii hidhaatti darbatan akkuma ukkaamsanitti tursu. Yoo kan murtiitti dhiheessan tahes ragaa kijibaa walitti qindeeffatanii ilmaan Oromoo nagaa irratti murtii duáa fi hidhaa umrii guutuu murteessuun waanuma barame. Dhugaan Oromiyaa guutuu keessatti harás muláchaa jiru kanuma mirkaneessa.

Lammiileen Oromoo Oromummaa isaaniif quuqaman miseensa ABO ti jedhamanii shororkeessummaadhaan yakkamanii hidhamu. Ilmaan Oromoo miseensota paartiilee biyya keessatti karaa nagaan sossoánii tahan baayéen duuba isaaniitiin ABO tu jira jedhamanii yakkamuun hidhaa keessatti tortorfamaa jiran. Gariin isaanii miseensota hoggana paartiilee kanaa kan akka Obbo Olbaanaa Leellisaa fi Baqqalee Garbaa faa dha. Jarri kun eega yakka sobaatiin himatamanii hidhamanii jióota heddu lakkoofsisanii jiru tahu iyyuu, dhimmi isaanii maal irra akka gahe hin beekamu. Hogganoonni paariilee biroo kan isaan booda hidhaman garuu maqumaafis haa tahuutii, mana murtiitti deddeebifamaa jiraachuun beekamaa dha.

Sirni Wayyaanee Oromoo irratti imaammata diinummaa addaa akka hordofu kan ragaa tahus tokko waanuma akkanaa faa dha. Hará yeroo miseensotni hoggana paartiilee biroo mana murtiitti deddeebifamaa jiraachuun irra deddeebi’ee gabaafamu, ilmaan Oromoo kumoota meeqaatamaan mana hidhaa dhiphisanii jiran garuu nama maqaa isaanii dhawu dhaban.

Miidiyaaleen alaa waaée murtiitti dhihaachuu hidhamtootaa gabaasu jedhamanis waaée hidhamtoota Oromoo irraa waa xiixuu yoo hanqatan mulátu. Gaazexessoonni miidiyaalee kanaa kan dirqama hagabaastummaatiin Shaggar jiranis duula sagalee Oromoo ukkaamsuu irratti waan Woyyaaneedhaaf daboo bahaa jiran fakkaata. Osoo isaan waa hin xiixin dhaabonni mirgoota namoomaa akka Amnestii International halaala irraa waaée hammeenya hidhaa isa Oromiyaa keessatti balínaan geggeeffamaa jiruu gabaasuun isaanii shakkii kana caalaatti dirree baasa. Amnesty International duula yeroo dhihoo keessatti taasifame qofaan ilmaan Oromoo mana dhibbaatti lakkaawaman jumlaan guuramanii hidhamuu gabaasaa isaa keessatti jala muruun isaa haalli hará Oromiyaa keessatti mulátu kan naannoo biyyattii kamiiyyuu caalaa yaaddessaa tahuu isaa ragaa baha. Dhugaan mulátu kana tahee osoo jiruu hagabaastonni miidiyaalee idil addunyaa tokko tokko duula hammeenyaa Oromiyaa keessatti geggeeffamaa jiru ukkaamsuu yaaluun Wayyaaneef guuza bahuu yoo tahe malee hiikkaa biraa hin qabaatu.

Waanuma fedheyyuu tahu garuu, hammeenyi diinnan Oromoo hangamuu yoo babaláte, qabsoo diddaa gabrummaa Oromoon itti jiru duubatti deebisuu hin dandaú. Jaalatamus jibbamus hará Oromiyaan kutaalee biyyattii kamiinuu caalaa bakka diddaan farra Wayyaanee jabaatee itti muláchaa jiruu dha. Oromoon callisaa hin jiru. Karaa isaaf dandaáme hundaan sirnicha waliin dugdaa fi garaa tahuu isaa mirkaneessaa jira. Kanaafis ragaan guddaan tokko duuluma hidhaa jumlaa kan iddoo kamiinuu caalaatti Oromiyaa keessatti babalátee jiruu kana. Bakki hidhaan itti hammaatu bakka itti diddaan gabrummaa jajjabaate tahuu isaa agarsiisa. Hará Qeerroon Oromoo dhaabbiilee barnootaa sadarkaa adda addaa keessaa baratu kaabaa kibba, bahaa dhiha osoo hin jenne quba wal qaba. Qeerroon Oromoo teknooloojii baraatti akka gaariitti dhimma bahuudhaan sochii isaa qindeeffatee Wayyaanee yaaddoodhaan waadee irriba malee bulchaa jira. Ummanni Oromoo baláanis karaa isaaf dandaáme maraan ilmaan isaa kana tumsuuf murannoo ajaaíbaa agarsiisuu irratti argama.

Murannoo qabsoo ilmaan Oromoo kana tu Wayyaaneetti yaaddoo naqee jira. Akka waliigalaatti tarkaanfiin sirni Wayyaanee hará Oromiyaa keessatti fudhataa jiru hundi Oromoo fi sirnicha kan walitti araarsu osoo hin taane daranuu falmaa murteessaaf kan of qopheessisuu dha. Oromoon lammiilee biyyattii kamiinuu caalaatti qehee isaa irraa buqqifamaa jira. Lafa isaa saamamaa jira. Laggeen isaa, haroowwan isaa tu summeeffamaa jira. Biyyee lafa isaa gabbataa fi qilleensa isaa jiidhaa tu faalamaa jira.

Gabaabumattuu egeree ummatichaa tu tooftaa qindaawaadhaan dukkaneeffamaa jira. Lammii tu kumoota kumootaan guuramee hidhaatti naqamaa jira. Kan sirna hamaa kana jalaa biyya ollaatti baqates bakka itti baqatetti mirga namoomaa waakkatamee akka bosonuu adamsamaa jira. Hammeenyi sirni Wayyaanee Oromoo irratti raawátaa jiru kana qofaan kan himamee dhumus miti. Tarkaanfiin hammeenyaa kun hundi walitti idaámee akka fincilli jalqabame daranuu babalátee sirnicha dhabamsiisu taasisa malee Oromoo hin jilbeenfachiisu!

Injifannoo Ummata Oromoof!
Infoo Deeskii ABO

2 thoughts on “Duulli Hidhaa Jumlaa Fincila Jabeessisa Malee Oromoo Hin jilbeenfachiisu

  1. hireen hinjiru tokko qofa.roga hundaan haleeludha. Oromon har’a diina wayyaane qofa miti goftooli isaani walin akka cabsinu abdi guutuun qaba .jabaadhaa.

  2. Akkam Jiratan Yaa Dargago oromo Nagaya Qabadu Bakka Jiratan Hundaa
    Ani Maqaan Koo Dr: Husein Abdo Gadaa
    Jirata Magala N, Kenya Kanaafuu Dhamasa Diqaa Isaanii Dhama Kanaafuu Motumma Hiyummaa Kana Ofiraa Haa Kanfu Bakka Jiratan Hundaa Wagaa Hara’a Kana Hirara Godhaa Biyya Kessafii Biyya Ala Nutii Yoo Hin Du’en Akkamatii Bilisumma Argana Dua’ea Malee Hin Dhufatuu Baraa Bilisumman Nagayatii Gudda By:

Leave a Reply

Fill in your details below or click an icon to log in:

WordPress.com Logo

You are commenting using your WordPress.com account. Log Out /  Change )

Google photo

You are commenting using your Google account. Log Out /  Change )

Twitter picture

You are commenting using your Twitter account. Log Out /  Change )

Facebook photo

You are commenting using your Facebook account. Log Out /  Change )

Connecting to %s