Fiilmiin Kijibaa Wayyaaneen Qophaawe Godina Shawaa lixaa Keessatti Balaleffatnaan Guddaan Dura Dhaabbatame.

 Gabaasa Qeerroo Amboo, Fulbaana 12,2011

Maqaa ummata Oromoo nagaa barbaaduu xureessuuf jecha Filmii kijibaa qophaawee dhaabi  ABO gadameessa  ummata Oromoo keessa kan bahe akka goolessituu taheetti Wayyaanotaan qindaayee TV Oromiyaa jedhamu irratti argarsiifamaa ture,fiilmiin kijibaa kun ABO akka dhaabaatti qofa osoo hin taane ummati Oromoo akka ummata nagaa hin barbaadnee fakkeessuuf jecha tattaaffii Wayyaanoti godhan dhugoomsuuf  jala deemtota OPDOn raawatamaa ture, fiilmiin kun ammaan duras irra deddebia’amee baroota 20f agarsiifamaa fi meeshaa olola siyaasaa TPLF waan tureef ummata Oromoo kun hin raaju, Fiilmiin kijibaa kun ABOs hin laalu jechuun jiraatoti godina Shawaa lixaa balaaleffatanii jiru, balaaleffannaa yaa’ii ummataaf tahe kana irratti kan rifatte OPDOn ummata nagaa heddumminaan qabuun gara mana hidhaatti guuraa akka jiran qeerroon lixa Shawaa irraa gabaasa.

//

Godina Wallaggaa Bahaa Ona Horroo Limmuu keessatti Sabboontoti 40 Hidhaman.

Gabaasa Qeeerroo Ona Limmuu,Fulbaana 12,2011

Ona Horroo limmuu keessaatti, ergamtooti TPLF ummata Oromoo gaaffii mirgaa gaafataa jiru goyyomsuuf jecha dabballoota ona kanatti bobbaasuun mana barumsaa isinii banna kanaaf gaaffii mootummaa irratti qabdan kaasuu dhiisa  sababaa jedhuu fi ummata baadiyyaa irraa yeroo irraa yerootti walitti dhufee jiruu fi jireenya isaa irratti wal argu onoota adda addaatti qoodan, ona Barsiisoo  Birmajjii fi Ona Waliituu Daangee jedhu jidduutti sababii ganoota qoqqooduu kana irratti ummata walitti buusanii ummanni nagaa akka walitti hin dhufne taasisaa kan jiran tahuu qeerroon naannicha irraa gabaasa, kanuma waliin gaaffii ummataa nu irratti kakaaftan,waan mootummaan murteesse akka ummanni hin fudhanne gootan sababaa jedhuun ummata nagaa 40 mana hidhaatti geessuun gabaafame.Maqaa kanneen hidhamanii fuula dura ni gabaafana.

Qabsoon itti fufa! Gabrummaan ni kufa!

1 thought on “Fiilmiin Kijibaa Wayyaaneen Qophaawe Godina Shawaa lixaa Keessatti Balaleffatnaan Guddaan Dura Dhaabbatame.

Leave a comment