Gabaasa Qeerroo Magaalaa Shaambu irraa, Hagayya 23,2011
Gaafa Hagayya 21 bara 2011, Godina Wallaga Bahaa magaalaa Horroo Gudur magaalaa Shaambuu keessatti Wayyaanee TPLF fi ergamee bultooti walgahii daldaltootaa fi hojjetoota Oromoo magaalaa Shaambuutti yaamaniin walii galtee tokko malee addaan diigame.
Walgahiin kun daldaltootaa fi hojjetoota sirnichaaf amanamoo miti jedhamanii shakkaman addatti walgahii gochuun mataduree ABO fi akeeka isaa ummata keessaa akkamiitti balleessuu dandeenya jedhu jalatti guyyaa tokkoof mariisisaa erga turanii hirmaattonni walgahii sanii yaada wayaanotaa kanaaf yeroo deebisan, ammaan dura ABO balleessuu kan jedhuun ilamaan keenya baratanii fi hojjetanii jiraatan nu jalaa qabdanii ABO dha jechaa turtan,daldalee bulaa qabeenya isaa saamtanii maqaa ABOn yakkitanii hidhaa turtaniittu,hedduun keenya maqaa kanaan yakkamaa turre,erga maqaa kanaan nu yakkitanii ammos irra deebitanii ABO haaballeessinu jechuun kajellaa ilmaan keenya hidhuu fi biyyaa arihuu waan taheef dhimma kana irratti ummatis tahe nuti isin gargaaruuu hin dandeeny kan jedhuun sagalee tokkoon diddaa dhageessisanii jiru. Walgahii guyyaa lamaaf jedhamee yaamame kanas gaafa tokkotti diddaan adda galamee jiraachuu qeerroon magaalaa Shaambu irraa gabaasa
Gama biraan qondaaloti Wayyaanee qabeenya warshaa shukaara Fincahaa kan tahe gommaa Tiraakteraa fi
Gama biraan Godina Hoorroo Guduruu Waallaaggaa Onaa Abbaayi Coommaanitti Poolisonnii federaalaa Qaabeenyaa waarshaa Sukkaaraa Fincaa’aa kan ta’ee Goommaa Tiraakteeraa warshichaa tokkoon isaa qarshii 40,000 ol kan baasuu hataanii kontiraakterotaa dhunfaa TPLF f amanamoo ta’anitti gurgurachaa jiraachuun bira ga’amera. Poolisooti Feederaalaa kun ofii isaanii qabeenya kana hatuun Oromoota kanneen warshaa kanaa waardiyyaa tahanii eegaa jirantu same jedhaanii yakka sobaa hiriyyaa hin qabneen aangoo qabaniin Oromoota guuranii hidhaa jiraachuu gabaasi qeerroo naannoo saniis dabalee addeessa.
Qabsoon itti fufa! Gabroomsaan ni kufa!!!