Godina Lixaa Shawaa Magaalaa Ambootti Uggurri Mootummaan Abbaa Irree Daldaltootaa irraa Ka’ee itti fufe

Fulbaana 10,2012 Amboo,

Fulbaanaa 8,2012 Magaalaa Amboo Ganda 03  dabballoonni Wayyaanee OPDO’n  hayyama daldalaa hin qabdaan jechuun daldaltoota irraa qabeenya isaanii saamsisaa jiraachuun beekame.Haala kanaan ergamaan Wayyaanee kan magaalaa Amboo blchu namni Kumalaa jedhamu manneen nagadaa ganda 03 keessa jiran hedduu namoota hin beekamnee fi poolisoota magaalichaan saamsisuun beekame.

Haala kanaan daldaltoota qabeenyi isaanii jalaa saamame keessaa

1.Chuchuu Nagaasaa,

2, Bulloo Tsaggaayee,

3, Badhaasaa Sisaayi

4, Shaashoo Maamush

Kanneen jedhaman keessatti argamu.

Kana malees shirri mootummaa Wayyaanee itti fufee waldaalee daldalaa hedduu cufe keessaa waldaaleen

  • Jiinenuus
  • Lalistuu
  • Jaallannee
  • Hiriyyaa Waliin
  • Micro

Kanneen jedhamani cufamuun qabeenyis sabamee akka jiru gabaasi Ambo irraa nu gahe addeessa. Daldaltooti qabeenyi isaanii samame kun abbootii aangawoo Wayyaanee fi bulchitoota itti iyyannaa isaanii yoo  dhiheessan illee dhageettii hin argatiin jiru.

Leave a Reply

Fill in your details below or click an icon to log in:

WordPress.com Logo

You are commenting using your WordPress.com account. Log Out / Change )

Twitter picture

You are commenting using your Twitter account. Log Out / Change )

Facebook photo

You are commenting using your Facebook account. Log Out / Change )

Connecting to %s

%d bloggers like this: