Adoolessa 07,2012 Gabaasa Qeerroo D.Dolloo
Cufiinsa mana barumsaan wal qabatee guyyaa har’aa Adoolessa 06, 2012 barruulee warraaqsaa fi alaabaan ABO ona Anfilloo Ganda Yattin mooraa mana barumsaa sadarkaa 1ffaa ganda yatti-koonqii jedhamu keessatti Alaabaan ABO fi barruuleen warraaqsaa akka tamsa’ee Qeerroon Anfilloo gabaasa. Akkasuma barattooti alabaa ifatti fannisuu fi barruulee walii raabsuun seenaa jaallan qabsoo irratti dhumanii fi geerarsa adda addaa akkasumas wallee warraaqsaan ABO fi WBO faarsaa turanii jiru. Barruuleen dhibbaatamaan ganda san keessatti faca’e ummata naannichaaf gammachuu guddaa kennee Adoolessa 06,2012 guyyaa guutuu ummanni barattoota waliin dhabbachuun faaruu fi dhadannoo warraaqsaa isaan dhageessisaa oolanitti guddoo gammaduun ummanni illee gooticha Laggasaa Wagii faarsaa turuun gabaasi Qeerroo naannicha irraa nu gahe addeessa.
Haalli kun guyyaa guutuu jabaatee itti fufuu irraan dabballooti OPDO humnaa ol itti taanaan Wayyeetti gabaasuun ABO tu dhufe jedhanii waraanni Wayyaanee godina irraa akka fe’amu ta’ee galgala keessaa naannoo sa’a sadii (9:00PM) irratti ganda sana keessatti dirree waraanaa kan fakkeessan ta’eetu jira gabaasaan akka nu gahaa jirutti. Shakkii kanaaf namoota too’annoo jala galchitee jirtu keessaa maqaa nama sadii kan nu gahe akka kanaa gadiiti.
1.Obbo Tarreessaa Ofgaa
2.Barsiisaa Birhaanuu Derejjee
3.Obbo Guutuu Kennasaa
Kanneen jedhaman too’annoo Wayyaanee jala galanii akka jiran gabaasaan addeessa,kunis sababa raabsamuu barruulee fi dhaadannoon mukkeenii fi seensa manicha barumsaa irratti barreefamuun maxxanfameen namoonni kun hidhaa Wayyaanee jala akka galan ta’e, namoonni hidhaman kanneen kana qofa osoo hin taanee heddumminaan akka qabaman gabaafama.
Alaabaan ABO magaalotaa fi nanneen barnootaa naannoo Dambi Dollootti fannifamuu fi bakka hundatti miidhagee balali’uun guyyuu dhaabbataan argamaa kan jiru waan ta’eef haamleen ummataa haalaan mirqaana ta’uu gabaasi Qeerroo addeessa.
Qabsoon itti fufa! Gabrummaan ni kufa!!