Barattootni Yuunivarsiitii Gondar Gaaffiin Mirgaa Kaasan.Hojjettoonni Warshaa Huccuu Sabbataas Hojii Dhaaban.

Bitootessa 30,2012 Finfinnee
Gaaffii mirgaa barattootni yuunivarsiitii Finfinnee Damee Bishooftuu Faculty Veternary Medicine gaafatan gaaffii mirgaa fi bilisummaa hojii dhabdummaan biyyattii keessaa haa dhaabbatu kan jedhu waan taheef gaaffii keenya jechuun barattootni yuunivarsiitii Gondar Faculty Veternary Medicine barnoota dhaaban.Hojii dhabdummaa biyyattii keessatti babal’atee fi manneen barnootaa dhaabbiilee siyaasaa keessaa bahuu qabu jechuun barattootni kun gaaffii dhiyeessaniif deebii waan dhabaniif barnoota dhaabanii jiru.Barattootni kunneen walii galtee fi tokkummaan barnoota waan dhaabaniif mootummaan Wayyaanee cinqii guddaa keessa bu’ee jira.Barattoota miseensa OPDO fi dhaabbiilee siyaasa ishee deeggaran wal gahiin waamee kadhaa fi mariin barnootatti deebisuuf yaalus milkaa’uu hin dandeenye.Diddaan biyyattii keessaa hanga bilisummaa jabaatee itti fufuus qeerroon yuunivarsiitii Gondar gabaasee jira.
Gama kaaniin Bitootessa 29,2012 Hojjettootni waarshaa Huccuu Sabbataa kanneen miidhamuunii fi lafti ilmaan Oromoo alagaa gabbisuu irraa kan ka’e uummatni waarshaan huccuu kun akka buqqa’u gaafatan.Mootummaan Wayyaanee gaaffiin kun gaaffii ABO ti jechuun Waraana Federaala bobbaasee uummata reebaa jira.Hojjettootni waarshaa kanaa hedduun miidhamanii gara Hospitaalaa seenanii jiru.Uummatni naannooo waarshaa kanaa lammiiwwan alagaa Turkii fi hindoota bakkeewwan bultii dhorkuun magaala sana keessaa baasee jira.Lammiiwwan alagaa kun mootummaa Wayyaanee waliin qabeenya ilmaan Oromoo barbadeessaa kan jiran jechuun uummatni magaala keessaa baasee jira.Dargaggootni magaala kanaas hojjettoota waarshaa qabatanii waarshaan kun guutummaan guutuun hojii akka dhaabu taasisanii jiru.Lubbuu ilma namaa bahee fi miidhama qaamaaf mootummaan Wayyaanee itti gaafatamummaa akka fudhatu qeerroon dhaammatee jira.

Waraana Wayyaanee Jidduu Wal Shakkii fi Wal-Dhabbiin Baldhinaan Itti Fufee Jira

Bitootessa 30,2012 Finfinnee
Warraanni Mootummaa Wayyaanee diddaa Qeerroo tasgabbeessuuf oliif gadi fiigaa jiraachuu irraan darbee wal dhabdeenii fi wal amantamummaan gidduu isaaniitti uumamaa jira.Amanamtootni mootummaa Wayyaanee tasgabbii itti uumuuf xaaranis wal shakkii gidduutti uumameen yaada qaban ifaan dubbachuu dadhabanii jiru.Waraanni bobba’e uummata Oromoo gara jabinaan akka goolu ajajni darbeefii jira.Magaalota gurguddaa Oromiyaa keessatti waraanni federaalaa fi Poolisiin akkasumas tikni akka Horii uummata tiksaa jiraatu iyyuu kanneen dhalootaan Oromoo ta’an sochii Warraaqsaa ummati Oromoo deemsisaa jiru dura gara jabinaan dhaabbachuu dhabuun isaanii mootummaa Wayyaaneen yaaddessee Oromoota waraana ta’an naannoo Oromiyaa irraa gara bulchiisa naannoo biraatti jijjiraa fi bobbaasaa akka jiran beekama.
Gabaasa dhimma kanaa odeeffata mootummicha keessaa nu gahaa jiru guutuu walitti cuunfinee gama fuula duraa dhiheessuuf jirra.

Dhugaan Afaan Qaban, Funyaaniin Dubbatti

Yaa. Gammadaa(2005)
Sochiin Qeerroo Biyya keessaa , Wyyaanee haalaan sodaachiisu kan ragaa nuuf ta’u , Sochiin Qeerroo bifa adda addaan gaggeeffamu, miidiyaa Biyya keessaa fi alaa irraa , akka hin taamsaaneef, seera addunyaa maallaqaan cabsanii Ukkaamsuudhaan , maallaqa baasaa jirtuudha. Wayyaaneen sochii qeerroo guyyuu funyaan ishee jalatti hojjatamaa jiru , akka miidiyaa Biyya keesaatti hin dhaga’amneef, Gaazexessitoota ishee akeekkachiisu, keessa beektoonni karaa adda addaa saaxilaa jiran.Dhugaan Afaan Qaban, Funyaaniin Dubbatti

Bosonaa fi Qabeenya Uumamaa Barbadaa’aa jiruuf itti Gaafatamaan Mootummaa Wayyaaneeti!‏

Bitootessa 30,2012 Finfinnee
Mootummaan wayyaanee hidhaan,ajjeechaan ilmaan Oromoo rakkisaa kan turee fi kan itti jirun yoommuu tahu uummata Oromoo hunda hidhaa dhaabbii hidhuufis fala fale qaba.Mootummaan Garboomfataa Wayyaanee lafaa fi qabeenya ilmaan Oromoo gurguraa,hiraa kan turee fi itti jiru yoommuu tahu bosona Oromiyaa keessaa gubuun hongee fi beelaan ilmaan Oromoo miidhuuf karoorfate bosona Oromiyaa hedduumminaan gubaa jira.Ilmaan Oromoo shira mootummaan Wayyaanee itti turee fi itti jirutti jabinaan dammaquun birmachuu qaba.Mootummaan Wayyaanee Bosona Oromiyaa Waraana ABO WBOtu keessa gala jechuun akeeka godhatee ilmaan Oromoo hongee fi beelaan fixuuf bosona Oromiyaa bakkeewwan garaa garaa gubaa jira.Waggoottan dhihoo darbanittis bosona Oromiyaa Baalee,Booranaa fi Wallagaa keessaa hedduu kan gube yoommuu tahu yeroo ammaa Baalee,Arsii fi bakkeewwan birootti ibidda qabsiisuun sababa hin beekamneen gubachaa jira jechuun miidiyaatti bahee lallabaa jira. Oromoo naannoo bosona kanaa manneen isaanii irraa halkanii fi guyyaa ibidda tiksaa dararamaa fi yaaddoo guddaa keessa bu;anii jiru.Mootummaan kun Qabeenya Oromoo gubee Oromootu gube jechuuf fala falaa waan jiruuf uummatni Oromoo marti irratti dammaquun bosona gubatee fi gubachaa jiruuf mootummaa Wayyaanee itti gaafatamummaa akka taasifnu dhaammanna jedhu Qeerroon.

Qabeenya Wayyaanotaa kan ta’e Omishi Shonkora Finca’aa fi Ujummoon(Sprinkler) Hedduun Ammos Barbadaaye

Bitootessa 29,2012, Qeerroo Finca’aa

Lafti Oromiyaa biyyoo gabbataa fi albuudi lafa jalaa akkasumas waan lafaa irratti oomishamu marti baroota 120 oliif diinaaf malee abbaa biyyaa kan ta’e Oromoof waan fayyade gonkumaa hin jiru.

Haala kanatti ummati Oromoo aaree diddaa gabrummaaf gochaa jiru bakkoota adda addaatti tarkaanfii abbooti qabeenyaa gabroomfataa irratti fudhatan daran mootummicha sodaachisee akka jiru ni beekama.

Haala kanaan  Bitootessa 28,2012 galgala kaleessaa sa’a lamatti oomisha shonkora Finca’aa naannoo ”Sabaat” ibiddaan barbadda’ee jira. Oomishni Shonkora kun bara kana keessa yeroo adda addaatti irra deddeebbiin gubachuun hojjettootni waarshaa kanaa guutummaa guutuun Miseensota ABO jedhamuun shakkamaa kan jiran yoommuu tahu miseensota kana qulqulleessuuf jecha mootummaan Wayyaanee olii fi gadi fiigaa jiraachuun beekame.Sakatta’insi keellaa irraas waraana mootummaa Wayyaaneen jabaatee uummata rakkisaa jira.Kana ta’us Oomishni shonkoraa kuni fi qabeenyi mootummichaa hanga gaaffiin mirgaa ummata Oromoo deebi’utti balaa irraa baraaramuu akka hin oolle beekamaa dha.

Shonkorri gubate kun ammatti heektara hammamii akka tahe baramuu yoo baate illee  Ujummoon jallisii(sprinkler) hedduunis gubatanii tajaajilaa ala akka ta’an gaabaasi Qeerroo naannichaa nu dhaqabe addeesse.

Hojjettootni Waarshaa Huccuu Azeeb Masifn Kan Sabbataa Jiru shan du’an,kaan caccaban!‏

Bitootessa 29.2012 Finfinnee

Warshaan Huccuu Walii galtee Mootummaa Wayyaanee Haadha Manaa  Mallas Azeeb Masfinii fi Investeroota Turkey dhaan Godina Shawaa Lixaa Aanaa Sabbataa Hawaas Alam ganaa ganda 02 keessatti argamu ALKE TEXTILE SHARE COMPANY jedhamu hojjettoota irratti miidhaa dhaqqabsiise.Warshaan kun lafa ilmaan Oromoo mijataa fudhachuu irraan darbee habashoota qacaruun kan beekamu yoommuu tahu guyyaa har’aa Bitootessa 28,2012 humna elektrikii waarshaa sana keessaa dhabamsiifameen hojjettootni  kanatti shakkamuun akka sakatta’aman yoommuu dirqisiifaman karaa itti cufuun hojjettootni hedduun madaa’aanii shan ammo lubbuun darbanii jiru.

Hojjettootni 60 ol yeroo ammaa ambulaansiidhaan gara Finfinneetti kan fudhataman yoommuu tahu miidhaa jabaan cabinsii fi meeluun isaan dhaqqabee jira.Miidhaa ilmaan namaa kana irra gahaa jiru itti gaafatamaan mootummaa Wayyaanee akka tahu Addunyaan akka birmatu taasisuun qooda sabboontotaati.

 

%d bloggers like this: